Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoon keenya Fala Dhabe !


Baqatonni biyya adda addaa Libiyaa keessatti haala uumameen rakkataa akka jiran gabaasaaleen ibsaa jiran.

Baqatoonni oromoo magaalaa Tripolii keessa jiran manaa ba'uuf ajjechaa fi reebiicha sodaatanii kan rakkataa jiran ta;uu ibsan.Dubartoonni immo rakkoo dabalataa kan humnaan qabamuu fi qabeenyaan harkaa saamamuu akka jiru ibsan.

Waluumaa gala manaa ba'anii waan nyaatan ofiiifis ta'e ijoolleef bituun waan akkaan rakkisaa waan ta'eef mana keessatti agabuun rakkataa jirra jedhu.Hojii akka durii ba'anii hojjataa waan hin jirreef jecha kiraa manaa baasuu dadhabanii alatti baafamuun gatamuuf deemna kan jedhan baqatonni, iyya nu dhaqqabaa dhagesisaa jiru.

Kanneen magaalaa Bengaazii irraa gara handaara galaanaatti geessamanis akka naannoo sana gadhiifnee adeemnuuf bellama uummanni naannoo nuu kenne dhumataa jira, carraa nu eeggatu hin beeknu jedhu

Gama kaaniin ministrii dantaa alaa Itiyophiyaaf dubbi himaa kan ta’an obbo Diinaa Muftii Tripolii keessatti lammiwwan Itiyoophiyaa 120 biyyatti deebi’uuf galmaa’uu isaanii ibsanii kanneen biroonis bilbilani odeefannoo argataa akka jiran ibsan.

Namonni mootummaa Itiyoophiyaa waliin rakkoo siyaasaa qaban attam ta’u? isa jedhuuf Obbo Dinaan deebii kennaniin nuti dirqisiifnee namoota ukkaamsinee biyyatti deebisuuf fedhiis ta’e akeeka hin qabnu.Garuu rakkoo keessaa akka ba’an tarkaanfii fudhachaa jirra jedhanii Libiyaa keessaa yeroo baafaman gama Tunisiyaa, masrii ykn sudaanii baafamu. Ta’uu baannaan masrii keessa darbanii gara sudaantti ta’a kan jedhan obbo Diinaan kanneen gara biraatti deemuu barbaadanis mirga qabu jedhu.

Waajirri qonsilaa sudaan kan kufraa jiru akka jedhuuti lammiwwan Itiyoophiyaa Ertraa fi somaliyaa kanneen gara waajiira keenyaa dhufan baasii tokko malee gara magaalaa daangaa sudaan jirtu Hamraa Sheikti geessina. Achi ga’anii jennaan itti gaafatama jiru mootummaa sudaantu fudhata jedhan.

MP3 tuquun gabaasaa guutuu dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG