Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiraattotii Jimma mana diqqaa buufata poolisii aanaa Limmuu Saqqaa keessatti nama 20 caala hidhan jedhan poolisii ammoo dhara jetti


Rakkoo jiraattoti aanaa Limmuu Saqqaa himatanii fi deebii poolisii
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:51 0:00

Limmuu Saqqaa aanaa godinii Jimmaa qabu keessaa tokko.Akka warrii achii dubbifne jedhutti naannoo isaanii keessatti ijoolle ehedduu hidhan.

Akka fkn namii achii dubbifne tokko jedhetti mana diqqaa buufata poolisii aanaa Limmuu Saqqaa keesa jiru qofa keessatti nama 22 hidhan. Manii diqqaan jedhan sun iskuweri metirii 16ti.

Jara kana mana murtiillee hin geessanii,nyaataa fi dhugaatii gahaa hin argatanii namii dhibaan keessatti rakkata.

Tana maleellee poolisii fi namii dubbii tana itti himatanii nama caqasu hin jiru jedha warrii nu dubbifne.

Warrii hidhan kun akka warrii nu dubbifne jedhutti kaan barataa,kaan hojjataa mootummaa,kaan warra hujii humnaatiin bulu.

Mana hidhaa kanaan warrii lafaa “awwaala bal’aa”jedha.Achitti hidhamanii jennaan namii gara galee nama millatulleen hin jiru akka warrii rakkoo himate jedhutti.

Jara kana kaan ‘hiriira guddicha baatanii’ jedhanii hidhan malee wannii seeraan himataniin hin jirtuu jedhan.

Taatullee akka Komaander Temesgern Ingidaa aanaa Limmuu Saqqaa irraa jedhetti namii seeraa ala hidhame jiru mana hidhaa tokko keesalleetti namii 20 caalaatti hidhame jechuulleen soba. Maatiin wal arguu,mana akimii dhaquu fi nyaat argachuuf rakkoon hin jirtu.

Jara kana akka komanderiin poolisii jedhutti haga tokko Finfinnee qawwee fidanii biyya jeequun himatan.

Murtii malee buufata poolisii turan himata jedhuuf ammoo dubbii isaanii komandi poostiin qorachuutti waan jiruuf tursamanii gaafa isaan qorannoo isaanii fixatan waan jedhaniin jedhaniin jedha komander Tesemmaan.

Mirgii isaaniif guutameefii hidhaman jedha komander.Woma taateefuu balleessaa isaanii waluma jalaan laaluutti jiran jedha hajajaan poolisii kun.

XS
SM
MD
LG