Xurree ittiin seenan

Rippaablikaanonni Haala Amma Jirutti Prezidaant Obaamaa Mo’uu Hin Danda’an

  • Namoo Daandii

Ka duraan bulchaa kutaa Masaachuusets turan Miit Raamnii, kaadhimamaa dorgommii Prezidaantummaa Yunaayitid Isteetiif guyyaa dorgommiin kutaalee hedduu keessatti geggeessame fi “Super TuesdaY” jedhame irratti sagalee haga xiqqoon injifatanii jiran.

Kutaa Michigaan ka jiru, Keetering Yunivarsitii irraa kan dorgommii Rippaablikaanotaa xiinxalan, Dr. Izqeel Gabbisaaakka jedhanitti injifannoon Raamnii haga silaa tahuu male fagaatee hin deemne.

Waggoota afurii dura, yeroo Joon Mikkeen dorgommii prezidaantummaaf kora sabaa Rippaabilikaanotaan kaadhimaman ka sadarkaa lammaffaa irra turan Raamniin nama marsaa itti aanuuf sagalee guddaa argachuun kaadhimamuuf jiran jedhamee ture.

Garuu amma injifamuu dhaa baatan iyyuu, dorgomtuu isaanii, Riik Saantoram irraa nokkortii cimaa tu isaan mudatuuf jira. Kutaaleen Raamniin ammaa booda keessatti dorgoman kanneen abdii isaaf kennan miti.

“Raamniin Saantoramiin injifachuuf maallaqa hedduu baasuu qaban. Otuu Obaamaa waliin dorgommuu hin ga’iin dura maallaqa hedduu fixatanii dadhabanii achi ga’u. Ennaa Obaamaa bira ga’an mammadaa’aa isaanii tu jira, jechuu dha.

Kana malees, imaammata kan Obaamaa irra wayyaawee isaan injifachiisu hin qaban. Imaammatni isaanii kan Prezidaant Buush duraanii waliin tokkumma” jedhu, Dr. Izqeel.

Guutummaa gaaffii fi deebii kanaa MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.

XS
SM
MD
LG