Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rippaablikaanootaa fi Imammata Mootummaa



As Yunaayitid Kutaa Michigaan ka jiru Keetering Yuunivarsitii irraa ka Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennan xiinxalaan siyaasaa Dr. Izqeel Gabbisaa "Uummatni Ameerikaa dinagdeen biyyattii kufinsa hamaa keessa galuu isaa irraa kan ka'e hojii dhabuu dabalatee dantaan isaa hedduun waan miidhameef kanuma fuul-duratti ilaalu Mootummaatti aaree Mootummicha adabuuf Rippaablikaanotaaf sagalee kenne malee kufinsa dinagdee biyyattii mudateef sababaan ijoon imaammata Rippaablikaanonni waggoota digdamman dabraniif oofaa turani" jedhu.

Filannoo gaafa Sadaasa sadii geggeessame kanaan Rippaablikaanonni Mana-maree gad-aanu keessatti gara barcumoota jaatamaan irra aantummaa argachuun waggoota dhihoo keessatti waan argamee beeku akka hin ta'iin dubbatu, Dr. Izqeel.

Garuu, akka jecha isaaniitti, Mana-maree gad-aanu keessatti qofa sagalee wayyabaa argachuun Rippaabilikaanotaa imaammata Mootummaa biyyattii guguddoo jijjiirsisuu hin danda'u. Seerri yokaan Mana-maree Bakka-bu'ootaan dabarsame iyyuu, seera tahuu isaa dura Mana-maree Murtii-seeraan raggaasisamee, Prezidaantii biyyattiin mallatteessamuu qaba. Manni-maree Murtii-seeraa fi Prezidaantiin immoo harka Dimookiraatotaa jiru.

Injifannoo Rippaabilikaanonni argatan kanaan imaammatni alaa Mootummaan Obaamaa oofaa jiru akka guddaan hin jijjiiramne illee dubbatu.

Guutummaa gaaffii fi deebii kanaa MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG