Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ripxe Loltoonni Itiyoopiyaa Himannaa Dhiyeeffatan


Addi bilisa baasaa biyyoolessaa Ogaaden akka jedhetti hongee gaanfa Afriikaa keessaa irraan kan ka’e uummannii fi beeladaaleen Itiyoopiyaa naannoo somalee keessaa du’aa jiru.

Sabaa himaalee fi ergaan e-mailii ergame akka jedhutti mootummaan qabiyyee ripxe loltootaa irra uggura gargaarsa namoomaa raabsuu waan kaa’eef jecha hanqinni nyaataa fi bishaanii hammaatee jira.

Itiyoopiaan tokkummaan mootummootaa fi jaarmoliin gargaarsa namoomaa rakkoo kan hammaatee jiru rakkoo naannoo sanaa calliinsaan akka bira taraniif dhiibbaa goote jechuu dhaan arjoomtonni gargaarsaa rakkoo uummata Ogaaden gara ifaatti fiduu dhaban jechuun qeeqa ergaan eI-meelii sun.

Gareeleen gargaarsaa garuu himannaa ONLF kanaaf deebii kennanii jiran. Dubbii himtuun sagantaa nyaataa addunyaa kan Itiyoopiyaa keessaa Susannah Nicol akka jedhanitti kanneen gargaarsi barbaachisu dhaqqabuuf tattaafiitu jira jedhan.

MP3 tuquun gabaasaa guutuu dhaggeeffadha

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG