Xurree ittiin seenan

Riyaak Machaar Itti-aanaa Prezidaantii Sudaan Kibbaa Ta’uun Kakuu Fudhatan

  • VOA

Riyaak Machaar,Itti-aanaa Prezidaantii Sudaan Kibbaa, gaazexeessotaaf ibsa oggaa kennan, Juubaa, Sudaan, Ebla, 26,2016

Riyaak Machaar,Itti-aanaa Prezidaantii Sudaan Kibbaa, gaazexeessotaaf ibsa oggaa kennan, Juubaa, Sudaan, Ebla, 26,2016

Simannaa naaf godhametti gammadeen jira – ka jechuun, dirree-xayyaaraa Juubbaatti ka dubbatanii turan – Hoogganaan Riphxee-loltoota Sudaan Kibbaa duraanii – Riyaak Machaar, har’a itti-aanaa Prezidaantii tokkoffaa ka biyyattii ta’uudhaan kakuu fudhatan.

Eega sirnichi kakuu geggeessamee booda ka dubbatan – Prezidaantiin Sudaan Kibbaa – Saalvaa Kiir, itti-aanaa Prezidaaticha simachuudhaan, tarkaafiin har’aa kun jalqabbii nagaa fi tasgabbii Sudaan Kibbaa akka tahu dubbatan.

Kunoo, amma Machaar amma hirbuu seenee jira. Egaa amma, ijaarsa mootummaa cehumsaa tu jalqabama – jechuun beeksisan.

Sirna har’aa kana ilaalchisuudhaan, ka gaaffii fi deebii kennan – Tokkummaa Mootummootaatti Ambaasaddarattiin Yunaayitid Isteets, Samaantaa Paawoor Sudaan kibbaaf kun tarkaanfii barbaachisaa dha, jedhan. Itti-fufuudhaanis, “danqaa fi boodatti harkifachuu baatilee hedduu booda kun akka ta’uuf gareen lamaan yaada isaanii walitti fidan. Kun yeroo dheeraa keessatti abdii Sudan kibbaa argatte" jedhan.

Riyaak Machaar Itti-aanaa Prezidaantii Sudaan Kibbaa fi Prezidaantii Sudaan Kibbaa, Salvaa Kiir sirna kakuu irratti, Juubaa, Sudaan, Ebla, 26, 2016

Riyaak Machaar Itti-aanaa Prezidaantii Sudaan Kibbaa fi Prezidaantii Sudaan Kibbaa, Salvaa Kiir sirna kakuu irratti, Juubaa, Sudaan, Ebla, 26, 2016

Miseensonni mana marrees kana hubataniiru. Garuu Riyaak Machaar Juubaatti deebi’uuf rakkoon uumame wal amantaan dhabamuu, fi walitti bu’iinsa dhiiga dhangalasiisaa ture irraan ta’u martinuu ni hubata.

Yoo walii galtee IGAD hojiitti hiikuu akkasumas mootummaa ce’umsaa hundeessuun barbaachise rakkoo kana irra aanuu qabu.

Hojii ijoon garee maraan battala hojjetamuu qabu, jijjiirama damee naga eegumsaa kan gareeleen biyyattii hanga har’aatti irratti wal lolan dabalatee, jijjiirama dinagdee irratti hojjetamuu qaba. Malaammaltummaa guutummaa biyyattii keessaa kan qabneenyaan uumamaa ittiin saamamee uummati biyyattii walakkaan gargaarsa namoomaa irratti akka hirkatuuf sababaa ta’ee fi kumaan kanneen laka’aman beelaaf saaxile hedduu yaaddessaa dha.

biyyattii keessa ka jiruu fi qabeenyaa uumamaa, uummati biyyattii gargaarsa namoomaa irratti hirkachuuf sababaa ta’e ilaalchisee hojii bu’uuraa gareen martinuu irratti hojjechuu qaban keessaa ti. Hojii ijoon itti dabalaa damee murtii haqaa kan ce’umsaa hundeessuu dha.” Jedhanii jiran, Ms. Paawor.

Tokkumnmaan Mootummootaa, akka gareen Mootummaa Sudaanii fi gareen finciltootaa, Machaar gara Juubaatti deebi’uu dhugoomsan dhiibbaa guddaa gochaa ture.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.

XS
SM
MD
LG