Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koreen Namuusaa Samaayawii Paartii Yilqaal Geetinnetif Hoggantoota Kaan Hojjaa Irraa Kaase


Hiriira nafiladhaa Samaayawii Partiin barreengadda waame, Finfinnee, 2015
Hiriira nafiladhaa Samaayawii Partiin barreengadda waame, Finfinnee, 2015

Koreen namuusaa dhaba siyaasaa mormituu Samaayawii Paartii hogganaa pariichaa Obboo Yilqaal Geetinnetii fi hogganaa olaanaa tokko hojiirra akka ka'an gaafate. Itti-gafatamtuun koree naamusaa Semaayaawii Paartii, Addee Haannaa Walelliny , himannaan obboo Yiliqaali fi namoota afur ka biroo irratti dhihaate, qajeelfaamaa koree kanaa akkasumas, kan partii isaanii irratti kan hunda’e ta’uu dubbatan. Dhimmi namoota kanaa Komishiina Oodiitii fi To'anoo dhabichaatiin ilaalamaa akka jiru illee bekkamee jira. Gama biraatiin, hoogganaan Semaayaawii paartii – Yiliqaal Geetinnet deebii gama isaanii, gabaasaa keenya Eskindir Firewuuf kennanii jira, Tigist Gammee tu dhiheesse.

Loogoo Samaayawii Paartii
Loogoo Samaayawii Paartii

Samaayawii paariin rakkoo keessaattin raafamaa jira. "hoggaantoonni qarshii paartiichaa akaataa malee itti fayyadamaniiru" jedhamanii erga himatamanii booda, dura taa'aa dhaabichaa Obboo Yilqaal Geetinnet, eeggattuu miseensa marii biyyooleessaa aaddee Waynisheet Mollaa, itti aanaa dura ta'a duraanii Obboo Silashii Fayyisaa dabalatee nama shan irratti murtiin darbeera.

Obbo Yilqaal Geetinnet "bakka himanni hin jirreetti murtiin hin jiruu, koreen namuusaa komishiinin odiitii fi to'annotin dhabbates hojii kiyya akkan hin hojjanne gufuu natti ta'aniiru" jedhanii, ya'ii waligaalaa partii akka godhamuus wamicha dhiheessu isaanii Raadiiyoo Sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Itti gafatamtuun koree namuusaa samayawii partii, Addee Haannaa Walelliny, dhimma kana laalichisee hhimannan kun han baname Mudde 14, 2016 ta'uu yaadachiisanii, wabii gamaa gamanaa laallamee, murtii irra gahamuu isaa ibsan. Jedhani Korichi namoota shananuu badii hojjachuu isaanii qulqullefatee adabeera jedhan.

Dura taa'n koomishiinii odiitii fi qorannoo, obboo Abarraa Gabruu, karaa isaanii, adeemsi fi murtiin himanna jara kana odoo paartiin ifa hin godhiin hawaasa bira karaa sab-qunnamtii hawwasummaa gahuu dubbatanii, "kunimmoo akkataa odeeffannoo itti qabannu rakkina qabaachuu isaa agarsiisa dhimm kunis koomishinii kanaan laalamuf deema" jedhan.

Dhumaratiis ,obboo Abarraan , koomishiniin kun yeroo ji'a hin guunnee keessaatti waan irra geenyee hawaasaf ifa godha jedhan.

Samaayawii Paartiin Hoggantoota Hojii Irraa Kaase.
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:17 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG