Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maratoonii Berlin,Jermen keessatti dorgoman dhiiraa fi dhalaalleen Itoophiyaatti moo’e


Bitaa gama Mirgaa;Abarruu Kabbadaatii fi Qananiisaa Baqqalaa Fulbaana 25, 2016 Berlin, Jermen
Bitaa gama Mirgaa;Abarruu Kabbadaatii fi Qananiisaa Baqqalaa Fulbaana 25, 2016 Berlin, Jermen

Dorgommii Kilaboota Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa ji’a lamaan duubatti Jappaanitti jalqabanii Kilabiin Afrikaa fulaa buutee dorgomtu dhiyoottuu beekamti

Kalee,Fulbaana 25,2016 nama kuma kurnya hedduutti maratoonii km 42 caaltu irratti dorgomuuf magaalaa Berlin,Jeremeni baafate.

Biraanee Dibaabaa, Abaruu Kabadaa fi Rutii Agaa, Fulbaana 25, 2016
Biraanee Dibaabaa, Abaruu Kabadaa fi Rutii Agaa, Fulbaana 25, 2016

​Dorgommii IAAF qopheessu kana dhiiraan Qananiisaa Beqqeleetti moo’e. Qananiisaan dorgommii km 42 tana 2:03:03 moo’e.Rekordii haaraa argachuu baatullee atileetii addunyaa irratti km hagasi tana ariifatee moohe tahe.

Qananiisaa Baqqalaa, Fulbaana 25, 2016 Berlin,Jermenii
Qananiisaa Baqqalaa, Fulbaana 25, 2016 Berlin,Jermenii

​Dorgommii namii kuma kurnya hedduu irratti wal dorgome tana Qananisiaa fi atileetii Keenyaa Wilson Kipsangitti walti hafee Qananisiaa fixuuf metiriin diqqoon haftee jennaan bira dabree moo’e.

Atileetiin Keenyaa Wilson lamessoo bahe sadeessoolleen atileetii Keenyaati.Atileetiin Itoophiyaa Sisay Lemmaa ammoo afreessoo bahe.

Gama dubraalleen atileetii Itoophiyaa Aberruu Kebbedeetti tokkeessoo bahe. Birhanaee Dhaabaa lammeesoso baate. Sadeessoo ammoo Hiruuti Aagaati.

Abarruu Kabbadaa, Fulbaana 26, 2010 kuusaa suuraalee
Abarruu Kabbadaa, Fulbaana 26, 2010 kuusaa suuraalee

Aberruun km 42 tana 2:20:45 moote.Dorgommii km kuma 41,283 irratti dorgomee biyya nama biyya 122 itti dhufe IAAF, Federeshiinii Waldaa Atileeota Addunyaatti qopheesse.

Qananiisaan dorgommii tana moo’ee jennaan ‘mormii atileeti Fayyisaa Leellisaa akkamitti laalta, dorgommii Olompikii waan ati Oromoo taateef si hambisan moo,’ jedhanii wa gaafatan.

“Ispoortiin siyaasaa ala.Akka itti mormanitti jiraa fulaa itti mormanitti jira. Mormii fi gaafiif mirga qabda.Waan si dhibe mootummaa gaafatttaa. Mootummaan ItoophiyaA gaafilee karaa demokiratawaa faluu fi mariif dhiyeessuuf yaaluutti jira. Dorgommiif filatamuuf filatamuu dhabuuf ammoo yoo namii filu beekumsa dhabee ykn ammoo namii dorgomu saatii guutachuu dadhabde faaf nama hambisan malee waan ati gosa tokko taateef nama hin hambisan.”

Dorgommii kilaboota waancaa kubbaa miilaa Addunya.

Dorgommii Shaampiyoonaa kubbaa miilaa addunyaa ,Jappaan 2016
Dorgommii Shaampiyoonaa kubbaa miilaa addunyaa ,Jappaan 2016

​Dorgommii tana Muddee 8-18 bara 2016 magaalaa Jappaan lama keessatti qopheessan. Kilaboota 7 ardii addunyaa jaha keessaa dhufanitti istaadiyoomii magaalaa Jappaan Suita Osaka fi Yokohama keessatti wal dorgoma.

Awurooppaa keessaa Real Madri Jappaan dhaquuf kurfoo jirti.Kilaboota South America keessaa ka dabru dhiyoottuu beekan.

North America keessaa ammoo kilabii Meksikoo Club America jedhanitti dabree kilabii biyyoota garba keessaa qubatbiyya New Zealanditti dabre.

Afrikaalleen kilaboota biyyoota isii 50 caalan wal dorgomsiifattee amma kilabii lamatti walti hafe.

Dorgommii tana Federeshiinii Kubbaa Miilaa Afrikaatti qopheesse.Amma kilabii lamatti walti hafuuf deema; kilabii Afrikaa Kibbaa Mamelodi fi ta Masrii Zamalekitti walti hafe.

XS
SM
MD
LG