Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seerri Farra-shororkeessumaa Itiyoophiyaa Dhugumatti Ka Briteen Irraa Gargalfamee?


Dr. Awwal Aloo
Dr. Awwal Aloo

Kora waggaa, ka Waldaa Qorannoo Oromoo bara kanaa irratti hayyoota qorannaan isaanii dhiheessan keessaa tokko, mana barnootaa ol’aanaa fi kabajamaa magaalaa London keessa jiru, “London School of Economics fi Politics” keessaatti barsiisaa if qorataa waa’ee mirga dhala-namaa ka ta’e, Dr. Awwal Aloo ti. Seera farra-shorokeessummaa Itiyoophiyaa fi wal-fakkeenyaa fi adda-addummaa inni seerawwan farra-shororkeessummaa biyyoota Addunyaa waliin qabu irratti ka qorannaa geggeessee fi yeroo hedduu barreesse, Dr. Awwal, qeeqa seericha irratti yeroo dhihaataa turee fi deebii aangawonni mootummaa Itiyoophiyaa kennan irraa ka’uudhaan, gaaffii fi deebii Raadiyoo Sagalee Ameerikaa waliin geggeesseen, ka hoogganoonni Itiyoophiyaa, “seerri farra-shororkeessummaa nuti qabnu, ka biyyoota gama Lixaa, keessummaa seera Briteen irraa ka fudhatame” jedhaa turan akka dhara ta’etti ibse. “Dhuguma seeraicha irraa haga tokko fudhachuu malan. Haga tokkos wal-fakkeenya qabaachuu mala. Garuu, dhimmi guddaan tokkoffaa, biyyattii keessatti shororkeessummaan akkamitti hiikame? seerichi kan heera biyyattii waliin wal-simatu moo miti? mirgawwan dhala-namaa fi ka biroo Addunyaa irraa biyyattiin mallatteessitee jirtu waliin ka wal-simatu moo miti? kanneen jedhanii fi ka biroo dha,” Dr. Awwal. Seerri farra-shororkeessummaa Itiyoophiyaa keyyatawwan seera biyyoota gama Lixaa keessa jiran haga tokko qabaate iyyuu, keeyyatawwan heera biyyattii kabajchiisan, ka seera Addunyaa Itiyoophiyaan mallatteessitee fi mirgawwan dhala-namaa wajjiin wal-simatan kan of keessaa hin qabne ta’uu ibse. Seeridchi mootummaa fi paartii siyaasaa amma aangoo qabatee jiru, taayitaa irra tursiisuuf kan tumamee akka meeshaatti gargaaraa jiru, jechuun hubachiise.

Gaaffii fi deebii Dirree Dimookiraasii irratti geggeessame dhaggeeffadhaa.

Seerri Farra-shororkeessumaa Itiyoophiyaa Dhugumatti Ka Briteen Irraa Gargalfamee?
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:55 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG