Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseensonni Mana-maree Yunaayitid Isteets Afur Akka Miidhaan Mirga Dhalaa-namaa Oromiyaa  Keessaa Qoratamee Dhihaatuuf Gaafatan


Miseensa Mana-maree Murtii-seeraa Yunaayitid Isteets,Raan Waayiden
Miseensa Mana-maree Murtii-seeraa Yunaayitid Isteets,Raan Waayiden

Miseensonni Mana-maree Yunaayitid Isteets afur, gamtaadhaan – Ministara Dhimma-alaa biyya isaanii – Joon Keeriitti xalayaa barreessaniin, haala mormii Oromiyaa keessaa fi miidhaa dhaqqabe ilaalchisee, guyyoota sagaltama keessatti akka ibsi bal’aan kennamuuf gaafatanii jiran.

Miseensonni Mana-maree Murtii-seeraa yokaan Senetii Yunaayitid Isteets – Jefrii Merkilee fi Raan Waayiden, akkasumas – Mana-mareetti, miseensonni damee qajeelcha seeraa – Eerl Bilaaminoor fi Suuzaan Baanaamiichii, xalayaa har’a mallatteessanii ministaricha Dhimma-alaa Yunaayitid Isteetsitti ergan keessatti --- Itiyoophiyoon, biyyoota michoota Yunaayitid Isteets faayida-qabeeyyii fi gargaarsa alaa Yunaayitid Isteets kennitu adda-durummaan fudhatan keessaa tokko ta’uu ibsanii -----

Miseensa Mana-maree Murtii-seeraa Yunaaytid Isteets Jefrii Merkilee
Miseensa Mana-maree Murtii-seeraa Yunaaytid Isteets Jefrii Merkilee

​“Garuu, gargaarsi mootummaan keenya kennuu – ka dantaa waaraa fi safuu Yunaayitid Isteets qabdu hin mine ta’uu mirkaneeffachuu qaba” – jechuun akeekkachiisan.

Kanaaf jecha, guyyoota sagaltama dhufan gidduutti --- bulchiinsa naannoo oromiyaa keessatti mormii ka’e irratti humnoonni naga-eegumsaa Itiyoophiyaa tarkaanfii fudhataniin – miidhaalee dhala-namaa irra ga’an, hidhaalee seeraa-alaa fi dhiittaalee mirga dhala-namaa dhaqqabaan akka bal’inaan tarreessanii dhiheessaniif, Ministaricha Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets – Joon Keerii gaafatan – Miseensonni Mana-maree Yunaayitid afuran.

Miseensonni Mana-maree Yunaayitid Isteets afur, gamtaadhaan – Ministara Dhimma-alaa biyya isaanii – Joon Keeriitti xalayaa barreessan
Miseensonni Mana-maree Yunaayitid Isteets afur, gamtaadhaan – Ministara Dhimma-alaa biyya isaanii – Joon Keeriitti xalayaa barreessan

Yoo danda’ames – cabinsawwan mirga dhala-namaatiif itti-gaafatamaa dha namni jedhamu yokaan namoonni jedhaman akka maqaan isaanii adda-baafamee dhiheeffamu – akkasumas, namoota karaa nagaa mormii isaanii dhageessisan irratti kanneen gochaa yakkaa raaw’atan ilaalchisee taarkaanfiin mootummaan fudhate yoo jiraate akka isaan beeksisan --- Miseensonni Mana-maree Yunaatitid isteets afuran, Ministaricha Dhimma-alaa biyya isaanii hubachiisanii jiran.

Gabaasni sagalee kunooti.
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:56 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG