Xurree ittiin seenan

Walti qummaadanii, harka wal fuudhanii,wal hammatanii waliin hojjachuuf walii galan

  • Soraa Halakee

Amerikaan filannoo pirezidaanttii jirti.Demokiraati keessaa Hilari Kilintonm Rippaabilikaan keessaa ammoo Doonald Tiraampitti dura jira.

Paartiin lachuu nama nama isaan fulaa bu’ee pirezidaanti tahuuf torbaan dhufuu fi torbaan itti aanaa keessaa seerumaan labsachuuf kurfoo jiran.

Senator Bernii Sandersi,ka pirezidaantii tahee biyya tana bulchuuf dorgomaa bahe hardha akka Hilarii Kilinton pirezdaantii taatu eebbiseefii duula filannoollee irratti gargaaruuf waadaa walii galan.

Waliin jabaannaa tanumaan biyya teennallee guddifannee mootummaa namii cuftii qooda keessaa qabu waliin qabaanna waliin jedhanii magaalaa New Hmapshaayer keessatti wal faarsan.

Nama paartii Rippaabilikaan keessaa dorgomu Donaldi Tiraampi waliin moohuuf walii mirkansan.

Namii paartii Demokiraati fulaa bu’ee pirezidaantii tahuu dandahu Hilarii Kilinton jedhee waan cufaan hin gargaarra jedhee faarse Saandersi.

Sanderi nama lamaan paartii Demokriaati keessa walti hafe keessaa tokko Hilarii Kilintonitti haga guddaan isa dura jira.

Hilarilleen tanaaf Sandersii fi warra tanaa jedhee dhufe cufaa galateeffattee filannoon tun keessattuu Sandersilleen itti dabalmaee midhaagaa tolaa deemuutti jirti jetti.

Jarii kun Amerikaa haga duriillee caalaa jabduu malii jireenna isii dureeyyii qofaa mitii hiyyeessallee bu’aa buusee namuu qooda keessaa qabu waliin jaarraa jedhanii walii mirkansan .

Pirezidaanti daati Obaamaalleen torbaan dabre keessaa akka Hilary Kilinton prezdaanti Amerikaa taatu godina North Carolina keessatti qabsaaheef.

Senator Sandersi Hilariin nama Amerikaa hiyyuma keessaa baasu, egeree biyya tanaa karaa qajeelaatti geessu dandahu,nama jijjiirama qilleensa addunyaa rakkisuutti jiru kanaan faltee jireenna Amerikaa wayyeessuu jedhe.

Hilary Kilinton nama akka namii Amerikaa mindaa dansaa argatee hujii hojjatu jabaatee qabsaahu jetti.

Paartiin Demokiraati guyyaa 15 duubatti Filadelfiyaatti walti dhuftee Hilarii Kilinton seerumaan filachuuf kurfoo jirti.

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG