Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Siidaa Maatiin Ilma Isaaniif Dhaaban  Diigaanii Ofii Siidaa Biroo Dhaaban: Jiraattota Shaakkisoo


Faayilii : Hiriira Mormii Gujii, Oromiyaa
Faayilii : Hiriira Mormii Gujii, Oromiyaa

Godina Gujii aanaa shaakkisoo keessatti baatii darbe hiriira geggeessameen booda dargaggoon tokko ajjeefamuu isaa qophii keenya kana duraa irratti gabaasnee turre.

Dargaggoo Badhaadhaa Galchuu jedhama. Maatiin isaa Siidaa yaadannoo isaan dhaabaniif diigamuu isaa beeksisan. Siidaa sana irratti rasaasa humnooti mootummaan ajjeefame barreeffama jedhutu irra ture.

Torban darbe siidaan isaan dhaaban diigamee siidaa ka biroon rasaasa akka tasaan ajjeefame jedhu bakka bu’ee arguu isaanii dubbatu. Dargaggoo kana rasaasaan rukutee kan ajjeese nama deggeraa mootummaa ta’ee fi Biraanuu jedhamu ta’uu jiraattonni mgaalaa Shaakkisoo ibsanii namni kun yeroo dhaaf to’annaa jala oolee yeroo ammaa gad dhiisamuu isaa dubbatu.

Haala kana gama mootummaan adda baasuuf gara itti gaafatamaa waajjira bulchiinsa nageenyaa obbo Badhaadhaa Galchuu gaafannee jirra. Siidaan dargaggoo Badhaadhaaf ijaaramaa jiraachuu quba qabna. Xumuramuu isaa garuu hin beeknu. Siidaa isaa ijaarames mootummaan sababa diiguuf hin jiru jedhu itti gaafatamaan bulchiinsa nageenya ka baadiyyaa shaakkisoo obbo Tadele Uddoo. Namni Daraggoo kanatti dhukaasee ajjeeses to’annaa jala oolee jira. Murtii eeggataa jira jechuu dhaan himannaa jiraattonni dhiyeessan haalanii jiru.

Mootummaan Siidaa Maatiin Ilma Isaaniif Dhaaban Diigaanii Ofii Siidaa Biroo Dhaaban: Jiraattota Shaakkisoo
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:36 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG