Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shamarran Afrikaa Maaliif Vaayrasii HIV-f Saaxilamu?


Biyyootii afriikaa kanneen uffee saharaa gadii keessa Shamarran jiraatan dhiira umurii wal fakkaataa qaban caalaa, vaayrasii HIV..n qabamuuf carraan qaban, harka sadii hanga shaniin kan caalu ta'uu qorannaan gaggeeffame ibsee jira.

Mana barumsaa tajaajila eegumsa fayyaa uummataa kan yunivarstii Johan Hopkins irraa qorattoonni kana hambisuuf jecha Sagantaan maqaa “Go Girls” jedhamee waamamu maalaawwii Mozaambiik fi Botswaanaa keessatti gaggeesaa jiru.

Yunivarsitii John Hopkins keessatti profeesara tajaajiila fayyaa uummataa fi Daayreekteera sagantaa “ Go Girls” kan ta’an kaaarool Anderwud shamrran maatii hin qabne, kanneen mana barumsaa addaan kutaniis ta’e, gonkumaa mana barumsaa hin seenne, kanneen hiyyummaa keessa jiraatan ykn hawaasa keessaa addaan qodaman, vayrasii HIV..n qabamuuf carraa guddaa akka qaban hubannee jirra jedhan.

Gama kaaniin imoo dhukkuba Eedsii waliin hidhata kan qabu dhukkuba sombaa ittisuuf kan gargaaru dawaa haaraan yaaliif hojii irra oolee jira.

Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

XS
SM
MD
LG