Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirez.US haarahii Iftaan kakatee hujii jalqaba,nama kuma dhibba hedduutti hiriira mormiitiif itti yaahuutti jira


The U.S. Army band marches down Pennsylvania Avenue en route to the White House during the Inaugural parade, Jan. 21, 2013.
The U.S. Army band marches down Pennsylvania Avenue en route to the White House during the Inaugural parade, Jan. 21, 2013.

Teessoon mootummaa Amerikaa,Waashingiton,DC dhiyoo tana nama kuma dhibba hedduutti itti yaahuutti jira.

Amerikaan pirezidaantii isii 45essoo filattee eebbiftee,kakachiiftee hujiitti gadi dhiisuuf kurfoo jirti.Warrii pirezidaabtii haara,Doonaldi Tiraampi deeggaru kuma hedduutti dhufuutti jira.

Gaafa pirezidaantii Obaamaan filatame bara 2008 nama miliyoona lamatti dhiyaatutti qophii gammachuu sun daawwachuu,deeggruu dhufe.

Bara Tiraampi kana nama kuma 800-kuma 900 tahutti dhufa jedhanii eegan.

Amerikaan gaafa pirezidaanti eebbiftee,kakachiiftee hujitti gadi dhiiftu qophii gammachuu hedduu tolchitiif.Yoo innii kakatee irraa bahe karaa mirgaa fi bitaallee ummatii guute mirgaa fi bitaalleen waraanii marsee ka duraa fi duubaan ammoo baandii sirba faana yaatu irra deema.

Pirezidaantii filame tolullee hammaatullee yoo innii filame nagumaan baallii itti kennan.

Pirezidaanti Obaamaan ganna 8n biyyaa bulchaa bahe Jimaata itti yaanu kana fxataa nama itti aanu Doonaldi Tiraampitti dabarsa.Gaafa nama hujii isa irraa fuudhu, Tiraampi Capitol Hill,Galma Walgahii Kongireessi Amerikaatti geegessee hagnoo itti kenna.

Obaamaan Ammajii 20,2017 bulchiinsa Amerikaatti pirezidaantii haaraa, Doonaldi Tiraampitti kennee achumaan maatii guurratee boqonnaatti dabra.

Gaafa asiin duratti ummata Ameriakatti nagaa dhaamateeyyuu akkuma durii biyya abdiin bulchuuf kakate ammallee abdii lallabee baallii kenne.
"Isanii milkooftanii huji tana keessaa qooda qabaattanii fi itti dhiyaattanii argitan mee wa isaniin jedhoo..tun waan nama jabeessee durattiin nama deemaati.Waan cufa caalaa abdiin isan Amerikaa fi ummati isii irraa qabdan hunada qabaattee mirkanfoofti.

Obaamaa fi jaartii isaa,Misheel bara 2013
Obaamaa fi jaartii isaa,Misheel bara 2013

​Amerikaatti pirezidaantii haaraan hujii jalqabu ummata duratti baasanii eeyee biyya nagaa fi walqixxummaa seeri kenneefiin bulchaa waaqa na qarqaarii jedhanii ummata kuma dhibba yoo tolte ammoo miliyoona duratti baasanbii kakakschiisanii eebbisani hujiitti gadi dhiisan.

Namii pirezidaantii Amerikaa tahuuf deemu,Tiraampi nama afaan hamoo,ka dhiiraa fi dhalaalleen afaaniin hin hanqanne jedhanii waan hedduun jibban.Taatullee nama miliyoona hedduutti filate.

Warra innii waliin hin galleon keessaa tokko gaazexesitota.Gaazexeessitota CNN faan isan warra dhara odeessu jedhee gaafii warraatuu dhiyoo tana jalaa fuudhuu dide.

Tiraampilleen gaafa asiin druatti waan karoroa mootummaa isaa gaazexeessitootatti hime guyyaa kakchaaa fi hujii jkqabu sun guyyaa name hin deene tolchaa jedhe.

Doonaldi Tiraampi Sadaasaa 9,2016 New York
Doonaldi Tiraampi Sadaasaa 9,2016 New York

"Ammajii 20n kun guyyaa akka malee dansaa akka malee dansaa guyyaa addaa tolcha.Gumii guddootti itti dhufaa maan jennaan wa argutti jirra.Sochii addunyaanuu takka argitee hin beenne.”

Ammajii 20,bara 2017 gaafa pirezidaantiin Amerikaa kakatee hujii jalqabu nama kuma hedduutti pirezidaanti kana irratti hiriira mormi bahuuf kurfoo jira.

Miseensii kongireesii Amerikaa paartii demokiraati 50 caalan guyyaa Tiraampi innii kakatee hujii jalqabu kana hin dhufnu jedhanii didan.

Nama dhibba hedduutti ammoo Tiraampi irratti hiriira bahuuf kurfoo jira.Fkn sanbata diqqaa ka Tiraampi akka hardhaa hangoo fudhate dubaroota kuma 200 tahanitti hiriira mormii baha.

Woma taateefuu warra isa deeggaruu fi isaan mormu kumii hedduun dirree irratti walti dhufa.Achitti maanti tahuuf deemaa?Walumaan eegannaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG