Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhiyoo Kiristiyaan Bassogog bitatte Samu'el Etootti faana jira.Chaayinan kubbbaa miilaa guddifachuf ijoollee Afrikaa itti bitachuutti jirti


Chaayinaan akka henna bara 213 baheetti umamta biliyoona 1.357 qabdu kubbaa miilaa guddifachuuf waan hedduun falachuutti jirti.

Akka sadarkaa FIFA-n bara 2017 baasetti Chaayinaan dandeettii kubbaa miilaatiin sadarakaa 86esso irra jirti.Eegii FIFA-n yayyabamee asitti Chaayinaa akka walii galatti sadarkaa 72 irra jirti.

Biyyitii tun amma falachuutt jirti.Dhiyoo tana keessa gurbaa Kaameruun Kiristiyaan Bassogog bitattee kilabii isii olaantuu Henan Jianye keessatti dabalatte.Gurbaa kana kilabi Daanish Aab Fodbold irraa bitatte.

kiristiyaan Bassogog ka dura jiru kana
kiristiyaan Bassogog ka dura jiru kana

​Gurbaan ganna 21 kun, gaafa biyyitii isaa Waancaan Afrikaa moote taphataa beekamaa dorgommii AFCON 2017 jedhanii badhaasan.

Gurbaan kun biyya abbaa isaa Kaameruun keessaa kilabii Rainbow FC keessaa oli guddachaa dhufe.Bara 2015 kilabii kubbaa miilaa Amerikaa Wilmington Hammerheads keessa taphatee eegee akkanuma dedeemaa fulaa amma gahe kanaan bahe.

Kiristiyaan ijoollee Naayjeeriyaa Chaayinaan bitatte Maaykil Obii fi Odiyoon Igahaaloo faatti dabalame.

Obiin amma kilabii Chaayinaa Tianjin Teda keessa jiraa Igahaaloon ammoo kilabii Changuchun Yatai keessa jira.

Kilabiin Chaayinaa akka oduu nuun baateetti gurbaa Kaameruun kana $miliyoona 8.7 bitatte jedha Allan Gaardee, daarekterii kilabii isa irraa bitanii.

Gaafa Denmaarkii taphatu tapha Shaampiyoonaa Superligaa irratti goolii 32 galche.

Gama kaaniin gurbaa biyya Kaameruun kubbaa miilaa taphachun addunyaa irratti beekan Saamu’eel Etoo Chaayinaatti galu fedha fakkaata.

Saamule nama ganna 35ti.Durii Real Madrid,Barseloonaa,Inter Millan,Chelsea,Everton fa keessa taphate.Amma ammoo kilabii biyya Turkii Antalyaspor keessa taphata.Ji’atti bara 2013 jalqabee mindaan isaa Euro miliyoona 8.

Liyoone Meessii Euro miliyoona 100 bitachuuf sossobachuutti jiran

Akka oduu dhaaba oduu Mirror irraa arganneetti manaajerii kilabii Manchester Sitii Pep Guardiola Meesii horiin guddaan bitachuu fedha.

Mesiin nama ganna 29 kontoraatii innii Barseloonaa waliin qabu gannii tokko qofti hafe.Messiin dhalootaan Arjentiinaa nama kubbaa miilaa taphachuun beekamu.Maroo shan Ballon d'Or moo’e.

Mesiin ykn horii kana fudhatee Sitiitti galaa ykn ammoo Barseloonumatti horii dabaleefii hambifata.Meesiin amma Barseloonaa irraa ji’atti mindaa $miliyona 40 argata.

Manchester City-n tana maleellee Benjamin Mendy bitachuuf jaluma jirti.

Manchester United ammoo gurbaa Arsenal Alex Oxlade Euro miliyoona 30 itti baasuuf humna ufi laaluutti jirti.

EPL keessaa Leicester City, Josh Gordon kilabiitti guddifachuuf jalaa hin deebine.

Gurbaan kun nama ganna 22 ti kilabii Stafford Rangers keessatti goolii hedduu galfachuun beekama.

La Liigaa keessaa kilabiin Atletico Madrid gurbaa Faransaay Kevin Gameiro jedhan bitachuuf jala maruutti jirti.Gamaroon nama ganna 29 baranuma Atileetikootti dabalame.

Dorgommii FA CUP ta baranaa kilaboota 736 jalqabee amma 8 walti hafe.

FA CUP,maqaa dorgommii waldaa kilaboota Ingilishiitii.Eegii jalqabanii ganna 146 keessa jiran.

Amma kilaboota 8ti walti hafe.

  • Chelsea fi Manchester United
  • Middlesbrough v Huddersfield/Manchester City keessaa tokko waliin tapachuuf deemti
  • Tottenham fi Millwall
  • Sutton/Arsenal v Lincoln walti maruuf deemti.
  • Dorgoommii tana yoo hedduu Manchester United fi Arsenal faatti moo’a. Shaampiyoonaan bara dabree Manchester United.Qaraa marroo 12 moote.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG