Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shawaa Lixaa fi Wallaggaa Bahaa Keessatti Namoonni Ajjefamuutu Dubbatama.


Mormii Oromiyaa, Guraandhala 2016
Mormii Oromiyaa, Guraandhala 2016

Godina Shawaa Lixaa aanaa Jalduu magaalaa Shukutee keessatti barattonni mana barumsaa sadarkaa duraa fi kan sadarkaa lammaffaa har’a hiriiruuun erga dhaabatee torban lama kan ta’e dhabamuu tajaajiila bishaanii fi Ibsaa ilaalchisee mormii qaban dhageesisuu isaanii jiraataan tokko ibsanii jiru.

Barattoota hiriiran diiguuf akkasumas uummata dhaabataa ture gara manaatti ol seenaa jechuun waraanni mootummaa Federaalaa dhukaasa baneen Bojaa Qaabataa ajjesuun obboleessa isaa Warquu Qaabataa miila isaa irra rukutuun madeessu isaa ibsanii namoonni hedduun reebichaa fi hidhaaf saaxilaman, jedhu – jiraattonni. .

Gama kaaniin godiinaa Wallaggaa Bahaa, aanaa Jimmaa Arjoo magaalaa Meettaa keessatti waraanni mootummaa Dilbata dabre, Guraandhala 28 bara 2016 mana namaa cabsee lixuudhaan qonnaan bultoota sadii ajjesuu isaa jiraattoota keessaa ibsanii jiru.

Qonnaan bultoota aJJefaman kana keessaa Obbo Tesfaayee Caalii fi Obbo Fayisaa Caalii obboloota yoo ta’an Obbo Dagafaa Firrisaa immoo ollaa akka ta’n ibsan, jiraattonni magaalaa Meettaa .Sadeenuu ijoollee baayyee fi maatii kan qaban yoo ta’u sirnii awwaalcha isaanii Wiixata kaleessaa, Guraandhala 29 bara 2016 sodaa guddaa jalatti rawwatamuu illee ibsanii jiran.

Gabaasa guutuu armaan gaditti dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:04 0:00
Xurree marsariitii

Gaaffii fi deebii ajajaa poolisii aanaa Jimmaa Arjoo waliin geggeeffame.
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:12 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG