Xurree ittiin seenan

Shufeeronni Taaksii Magaala Finfinnee Hojii Dhaabanii Oolan.


Buufata geejibaa, Finffinnee

Buufata geejibaa, Finffinnee

Magaalaa Finfinnee keessatti seera haaraa bahee jedhame balaaleffachuudhan shufeeronni taaksii hojii dhaabanii oolan.

Abbaan-aangoo Geejjibaa ka Mootummaa Federaalaa, ibsa Kaleessa baaseen – seericha hojii irra oolchuun baatiilee sadi’iif dheerefamuu isaa beeksisee jira. Shufeeronni garuu, “baatiin sadii ga’aa miti” jedhu.

Jiraataan magaala Finfinne ganama kana dubisees hojii dhaquu dha taaksii sa’aatii sadii egee dadhabee gara manaatti deebi’uu isaa dubbata.

Koomishiinii poliisii Finfinneetti itti gaafatamaan sab-quunnamtii hawaasumma, Obboo Asaffaa Masgabuu gafiif deebii Raadiyoo Sagalee Ameerikaa wajjin godhaniin, gaafiin ka’e kun sirri dha namni kamuu adeemsa seera eegsisuu keessatti hubamuu hin qabu jedhan.

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG