Xurree ittiin seenan

Siiriyaa Keessatti Har'a Haleellaa Gaazii Summiitti Shakkamuun Namoota Kurnaan Lakkaawamantu Dhume

  • VOA

Siiriyaa Keessatti Har'a Haleellaa Gaazii Summiitti Shakkamuun Namoota Kurnaan Lakkaawamantu Dhume

Siiriyaa keessatti har’a haleellaa Gaazii Summiitti shakkamuun geggeessameen namoota kurnaan lakkaawaman tu dhume.

To’attoonnii fi hojjetoonni ittisa uummataa akka beeksisanitti, xayyaaronni mootummaa Siiriyaa yokaan ka Raashiyaa magaalaa finciltootaan qabamtee jirtu – Kiyaan Sheekuun irratti haleellaa gaazii summii geggeessuudhaan yoo xiqqaate namoota 65 fixanii, kanneen 350 ol ta’an immoo madeessan.

Halellaan kun, waraansa waggoota ja’an dabran biyyattii keessatti geggeessame keessatti halellaa isa hamaa gita hin qabbne, fixinsa gara-jabinaa rifaasisaa – jechuun balaaleffatan – mormitoonni.

Raashiyaan, akka halellaa sana keessaa gonkumaa qooda hin qabne dubbatte.

Waaltaan Miidiyaa Illib, ka qabsaa’ota mormitootaa vidiyoo fi suuraalee miidhaa halellaa sanaa boodaa interneetii facaasee jira. Namoota haleellaa sanaan akka hamaatti madaawan, namoota ukkaamaman, namoota haqqisanii fi of wallaalan agarsiisa – Viidiyoon sun.

Yaada kenni

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG