Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qophii Addaa, Ka Sirna Muuda Prezidaantummaa Yunaayitid Isteets


Qophii Addaa, Ka Sirna Muuda Prezidaantummaa Yunaayitid Isteets
Qophii Addaa, Ka Sirna Muuda Prezidaantummaa Yunaayitid Isteets

As Yunaayitid Isteets keesssatti sirna muuda prezidaantummaa tu geggeessame. Ka waggoota saddeetiif Prezidaantii Yunaayitid Isteets ta'uun tajaajilaa turan – Baaraak Obaamaa, yeroo bulchiinsa isaanii xumuratanii, kan Sadaasa dabre kana haarawa filataman – Donaald Traamp-tti sirnaan aangoo dabarsan. Sirna muuda prezidaantummaa kanaan – Donaald Traamp hirbuu seenanii haasawa dhageessisaa jiran.

Ummatni kuma dhibba hedduun yaa’ee sirna kana hordofe iyyuu, kanneen imaammata Doonald Traamp balaaleffachuun mormii isaanii dhageessisan ni jiran.

Sagantaa keenya daqiiqaa soddomaa keessatti, sirna kakuu prezidaantichaa, gabaasaa achi irraa nu dhaqqabe, gaaffii fi deebii waahila keenya sirna sana hordofaa ture waliin geggeessame, yaada deggertootaa, balaaleffannaa mormitootaa, xiinxala ogeessa siyaasaa, seenaa prezidaanticha haaraa fi ka biroo qindeessinee dhiheessinaa jira.

Kana cuqaasuudhaan guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa

Qophii Addaa, Ka Sirna Muuda Prezidaantummaa Yunaayitid Isteets
please wait

No media source currently available

0:00 0:28:40 0:00

XS
SM
MD
LG