Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sirna Yaadannoo Daalaas KeessattI Gaggeeffame


Sirna yaadannoo Daalaas keessattI gaggeeffame
Sirna yaadannoo Daalaas keessattI gaggeeffame

Prezidaantii yunaaytiid Istees Baraak Obaamaa fi isaan dura prezidaantii kan turan Joorj W. Buush kaleessa magaalaa Daalaas keessatti sirna yaadannoo polisoota shanan ajjefamaniif qophaa’e irratti argamuun kabajaa qaban ibsanii jiru.

Miseensoonni humnootii nageenya hawaasa adda addaa keessatti nagaa eegsisuuf hojii jabaa gaggeessaniif prezidaant Obaamaan galateeffatanii jiru. Garuu logii sanyii jiru irratti dubbatamuu qaba jedhan.

Prezidaantii yunaaytiid Isteets Baraak Obaamaan Daalaasitti oggaa hasaha godhan
Prezidaantii yunaaytiid Isteets Baraak Obaamaan Daalaasitti oggaa hasaha godhan

Prezidaant Obaamaan kaleessa Daalaas keessatti uummata gaddeetti dubbachuuf muxannoo ga’a qabu. Sababiin isaas. Orlaandoo Floridaa keessatti ji’a darbe , Charleston South karolaayinaa keessatti waggaa darbe, sana duras hanga tokko namoota namni jalaa ajjefamanii gadda keessa turan hasoofsisaa turan.

Polisoota shanan Daalaasitti ajjefaman
Polisoota shanan Daalaasitti ajjefaman

Hawaasni polisoota irra itti gaafatama guddaa ka’ee tarkaanfii ofii isaa fudhateef garuu itti gaafatama xiqqoo fudhata jedhan Obaamaan.

Prezidaantiin yunaaytiid Istees duraanii Joorj Buush biyya haqaa fi gara laafina qabdu kan abjuu keenya isa gaarii keessati arginu ijaaruu feena. Kunis dhiraa fi dubartoonni yunifoormii uffataniif eegumsi yeroo godhamu milkaa’uu danda’aa jedhan.

Magaalaa Daalaas lafa sirni yaadannoo polisoota ajjeefamaniif gaggeeffame kanatti namoonni hangi tokko daw’annaa Obaamaa kana faarsan.

Hedduun akka jedhantti garuu loogii sanyii deebi’ee ka’aa jiruun kan miidhame lammiwwan Amerikaa hidda dhalata Afrikaa qabanii dha jedhu

Namnii prezidaantii ta’uun filamuuf jiru haala kana faana bu’e erga uumamee booda tarkaanfii fudhachuu oto hin taane ituu hin uumamiin dura haala ittiin ittisan lafa kaa’uu dha.

Seeraa fi imaammatoota kan hawaasni guutummaa Amerikaa itti mufatee jiru jijjiruu dha jedhu.

Sirna Yaadannoo Daalaas KeessattI Gaggeeffame
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:44 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG