Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sirni Awwaalcha Atleet Miruuts Yifxar Kaleessa Finfinneetti Raawwatame


Sirni Awwaalcha Atleet Miruuts Yifxar, Finfinnee
Sirni Awwaalcha Atleet Miruuts Yifxar, Finfinnee

Itiyoopiyaan goota olompikii fi fiigicha fageenya giddu galeessaan injifannoo kan gonfate kaleessa geggeessitee jirti. Bara 1972 Olompikii tokkicha irratti meedaalii warqee lama ennaa inni argate lammiiwwan Itiyoopiyaa gamas turanii fi fageenya irraa fiigicha sana hordofaa turan gammachuun isaanii daangaa dhabee imimmaan gammachuu roobsaniiru.

Sirni Awwaalcha Atleet Miruuts Yifxar Kaleessa Finfinneetti Raawwatame
Sirni Awwaalcha Atleet Miruuts Yifxar Kaleessa Finfinneetti Raawwatame

Olompikii Mookoo irratti jila Itiyoopiyaa kan hooggananii fi akkuma Miruuts injifatee galeen miilla isaatti kufanii kan dhungatan keessaa tokko kan ta’an obbo Teferraa akka jedhanittiYeroo sana lammiiwwan Itiyoopiyaa Moskoo turre boonyee turre.

Isa qofaa utuu hin taane martinuun keenya boonyee turre. Ol utaalaa dhiichisaa turre. Alaabaan keenya ol ba’ee faaruun keenya ennaa faarfatamu gammaduu keenya irraan kan ka’e dubbachuu illee dadhabne jedhan.

Injifannoon Moscow sun dargaggoota hedduu dadammaqseera. Badhaasi warqee sun lamaan biyyattii kanaaf warqeewwan hedduu ka biroo hawatanii jiran. Sanaan dadammaqiinsa argatanii kara atleetiksiitti kan seenanii fi injifatanii kan beekaman keessaa tokko Haayilee G/Sillaasee tokko.

Prezidaantiin Federeeshinii atleetiksii Itiyoopiyaa kan ta’e Haaylee G/Sillaasee sirna awwaalcha Miruuts irratti ennaa dubbatu Moscown maraafuu bakka ka’umsaa ta’uu ishee tuqee jira.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

Sirna Awwaalcha Atleet Miruuts Yifxar
please wait

No media source currently available

0:00 0:00:29 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG