Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Sirni Dinagdee Gabaa-walabaan Dursamu Afrikaaf Guddina Hin Fidne"


Muummicha ministeeraa Itiyoopiyaa Malas Zeenaawii
Muummicha ministeeraa Itiyoopiyaa Malas Zeenaawii

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa, Melles Zeenaawii, "ka gabaa walabaan geggeessamu - sirna dinagdee “NEO-LIBERALISM” jedhamu wajjiin muuxannoon waggoota kurnaniif qabnu badhaadhummaa Afrikaaf fiduu hin dandeenye," jechuun baninsa walga'ii Ministaroota Maallaqaa Afrikaa, ka guyyaa lamaaf Finfinneetti geggeessame irratti dubbatan.

Inumaa, galii biyyoonni Afrikaa fi biyyoonni kaan argatan gidduu adda-addummaa jiru caalaa bal’isaa deeme. Kana tu yaada biyyoota gama dhihaa irraa akka dawaatti ajajamu - ka dinagdeen abboota qabeenyaa dhuunfaan hoogganamuu qaba, jedhu akka Afrikaan fudhatuu diddu taasise" jedhu Obbo Melles.

Muummicha ministeeraa Itiyoopiyaa Mallas Zeenaawii
Muummicha ministeeraa Itiyoopiyaa Mallas Zeenaawii


Ijaarsawwan Manneen, Karaawwanii fi tajaajilawwan biroo Arikaa, kanneen misooma dinagdee isheef bu’ura ta’an dursummaan geggeessuuf ka dhaabbatoonni uummataa ka’uu qaban yeroon isaa amma - jechuun illee waamicha dhiheessanii jiran.

Walga'iidhuma dinagdee Afrikaa xiinxalu kana irratti kan haasawa godhan - rezidaantiin Baankii Misoomaa Afrikaa, Doonald Kaaberukaa, immoo, Imaammatoonni Afrikaaf baafaman sun hawwii murnawwan uummatoota biyyaa maraaf ka deebii tahan tahuu isaanii akka Ministaroonni Afrikaa sun hubachuu qaban akeekkachiisan. Misoomni hunda hammate, kan carraa hojii banuu fi dargaggootaaf carraa kennu dhababuun dafoon isaa maal akka tahu hubachuuf haala gidduu kana biyyoota Afrikaa gama Kaabaa keessatti uumame akka fakeenyaatti ilaaluun gahaa dha, jedhu - hoogganichi Baankii Misooma Afrikaa, Mr. Kaaberukaan.

Dargaggoonni Afrikaa sochii dhiheenya agarsiisaniin hawwii qaban akka dubbatan illee eeran, hoogganaan dhaabbata maallaqaa kun. Konferensii guyyoota lamaaf Finfinneetti geggeessame kana irratti kanneen haasawa dhageessisan - namoonni kaanis “Afrikaan dargaggeettii tahaa jirti” jedhan.

Umuriidhaanis yoo ilaalame lammiwwan Afrikaa biliyoona tokkoo ol tahan - umuriin isaanii waggaa kudha-shanii gadi. Walumaa-galatti uummatni Afrikaa dhibba irraa harki toorbaatamni immoo kan umuriin soddomaa gadii ti.

Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG