Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Ripublikii Dimookiraatawa Koongoo Akka Taayitaa Gad-lakkisan Dhibbaa Godhuudhaa Hiriira Geggeessame Irratti Namoonni Haga 20 Du’uu Hin Oolaan jedhame


Humni waraanaa yeroo namoota hiriira irratti karaa cufuudhaa yaalan to'annaa jala olchu, Ripublikii Dimookiraatawa Koongoo, Muddee 19, 2016,
Humni waraanaa yeroo namoota hiriira irratti karaa cufuudhaa yaalan to'annaa jala olchu, Ripublikii Dimookiraatawa Koongoo, Muddee 19, 2016,

Kan yeroon mootummaa isaa Wixata dhufu xumuramu – Prezidaantiin Ripublikii Dimookiraatawa Koongoo – Jooseef Kabiilaa akka yeroo isaaniitti taayitaa gad-lakkisan hiriira har’a magaalaa Kinshaasaa keessatti geggeessame irratti hookkara ka’een yoo xiqqaate namoonni haga digdamaa du’uu malan – jechuun dubbatu – aanagawoonni biyyattii.

Namoonni sadii ajjeesamuu, Sagaleen Ameerikaa mirkaneeffatee jira.

Naannoolee magaalaa Kinshaasaa keessaa haga tokko keessatti, jiraattonni, “yeroon Kabiilaan taayitaa gad-lakkisan ga’e” mallattoo jedhu dhageessisuuf jecha fiingee hafuufan – jedhama.

Deeggaraa paartii mormituu kaardii diimaa pirezdaant Jooseph Kaabilaa angoo irraa akka bu'u, jedhu qabatee hiriira bahe
Deeggaraa paartii mormituu kaardii diimaa pirezdaant Jooseph Kaabilaa angoo irraa akka bu'u, jedhu qabatee hiriira bahe

Dhukaasaaleen meeshaalee waraanaa aanaalee magaalattii heduu keessaa dhaga’amuu itti fufee jira.

Akka hiriirawwan mormii hin geggeesamnee uggurii kaa’amee, humni waraanaa heddumminaan magaalattii keessatti bobbaafame iyyuu, kaleessa, gandeen magaalattii hedduu keessatti hiriirri mormii geggeessamuunis gabaasamee jira

XS
SM
MD
LG