Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sochii Biyyyoolessaa Itiyoophiyaa, Kan Adda Dimookiraasummaa Oromoo fi Dhaabota Siyaasaa Ka Biroo Sadii Waliin Hundeessame


Leencoo Baatii , Itti-gaafatamaa quunnamtii uummataa Adda Dimookiraatawa Oromoo
Leencoo Baatii , Itti-gaafatamaa quunnamtii uummataa Adda Dimookiraatawa Oromoo

Gamtaan dhaabota siyaasaa “Sochii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa” jedhamu, kaleessa as Waashinton keessatti walta’insa mallatteessameen hundeessamuun ibsamee jira. Dhaabbatoota siyaasaa – Arbenyoochi Ginbot Sabaatti, Adda Dimookisummaa Oromoo, Paartii Uummata Affaarii fi Sochii Dimookitaasummaa Uummata Sidaamatiin kan hundeessame – gamtaan siyaasaa kun, kan mirgi uummatoota maraa keessatti kabajamuu fi taayitaan filannoo qabatamu – Federaalawa Itiyoophiyaa hundeessuuf ka qabsaa’u ta’uun ibsamee jira. Itti-galli qabsoo gamtichaa, mootummaa cehumsaa hundeessuu, heera haarawa baasuu fi sirna federaalaa lammiwwan martinuu itti wal-qixxummaan jiraatu hundeessuu akka tahe dubbatu hundeessitoonni. Kana ilaalchisuun, dhaabota Sochii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa hundeessan keessaa tokko ka tahe – Adda Dimookiraatawa Oromoof Itti-gaafatamaa quunnamtii uummataa ka tahan – Obbo Leencoo Baatii haasofsiisnee jirra.

Kana cuqaasuudhaan gaaffii fi deebii guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG