Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hanqina bishaanii Juubaa fi ajjeefamuu Lammiiwwan Ertraa


Lammiwwan Ertraa lama kanneen bishaan gurguran Jubaa keessatti gara jalqaba torban kanatti eega ajjefamanii as bishaan dhugaatii nu ga’u bitachuu hin dandeenye jechuun jiraatonni juba kan sudaan kibbaa ibsanii jiru.

Lammiwwan Ertraa kanneen biroon bishaan gurguranis kannen ajjefamaniif tumsa qaban agarsisuuf jecha hojii isaanii cufaniiru. Mormiin isaanii kunis har’a guyyaa 4ffaa kan qabatee yoo ta’u hanqiina bishaan dhugaatii guddaa uumee jira.

Garuu ministriin odeeffannoo kan kutaa seentraal Equatoria Emmanuel Adil akka jedhantti lammiwwan Ertraa kun hojii isaanii kan dhaaban kibxata darbe qofa.

Jubaan lafa bal’aa dha. Tarii guyyaa dirree xayyaara Jubaatti dhaqanii reeffa lammiwwan isaanii gaggeessan hiriiranii ajjefamuu lammiwwan isaanii mormaa turan sana qofa hojii dhaaban. Kun fudhatama qaba. Kun immoo guutuummaa Jubaa kan danqee natti hin fakkaatu jedhan.

ADIL akka jedhanti Jubaa keessatti kan bishaan gurguuru lammiwwan Ertraa qofa miti. Jiraattoota magaalattii keessaa Rita Gune akka jeettitti lammiwwan Ertraa kun wiixta darbe eega ajjefamanii as hanqiina bishaaniitu jira. Yoo argames gatiin isaa hedduu dabaleera.

Lammiwwan Ertraa daldala irratti bobba’an kana eenyu akka ajjesee ifa miti. ADIL akka jedhanti waan irratti qiyyaafatamee ajjefaman miti.

Nama isaan ajjeese baruuf Mootummaan kutaa Sanaa polisootaa wajjiin hojjataa jira jedha Joon Taanzaa gabaasa ergeen.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG