Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walii-galteen Sudaan Kibbaa Akka Hojii irra Oolfamu Hawaasni Addunyaa Hirmaachuu Qaba


Gareen hoogganoota biyyoota naannoo, IGAD, walii-galteen Sudaan Kibbaa akka hojii irra oolfamu gochuuf hawaasa Addunyaa hirmaachisuu qaba, jedhu Prezidaantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa.

Prezidaantichi Keeniyaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaa, sagantaa “Afrikaa 54” jedhamu waliin, gaaffii fi deebii magaalaa New York keessatti geggeessaniin, karaan amma itti deemamamaa jiru kun biyya wal-waraansi uummata miliyoona lama qehee ofii irraa buqqise keessatti daandii gargaarsa namoomaa ittiin dhaqqabsiisan bana jedhu. Akkasuma illee, mootummaa fi finciltoota biyyattii gidduutti mootummaa cehumsaa gad-dhaabamaa jiru ka gargaaru ta’uu illee dubbatan.

Akka ani yaadutti, gara fuul-duraatti tarkaanfannee jirra. Gareeleen gam-lameenii walii-galtee araaraa akka mallatteessan taasisnee jirra. Gareeleen lameenuu akka barbaachisummaa nageenyaa ilaalan goonee jira. Gumii-waliigalaa Tokkummaa Mootummootaa tii moggaatti, itti dubbataa jira. Marii waa’ee Sudaan Kibbaa irratti dubbatus qopheessinee jira. Amma dhimmi ijoon itti fuuleffatamuu qabu, hojii irra oolfama isaa natti fakkaata. Gareeleen martinuu, marii araaraa waan mallatteessanii jiraniif, nageenya dhugaa arguu akka fedhan nan amana. Wanni isaan nu irraa eegan, dhugumatti, akka deemsi hojii irra oolchuu araaraa sun milkaa’u tumsa gochuu dha, jedhu.

Garee Mootummaa fi ka finciltootaa qofa otuu hin taane, dhaabbatoota akka jaarmayaalee Siivilii, waldaalee Kiristaanaa fi jaarmayaa hawaasaa deemsa sanatti hirmaachisuun barbaachisaa ta’uu dubbatu Keniyaataann.

Walii-galteen, dhuma baatii dabree irra, mootummaa fi finciltoota gidduutti mallatteessame, magaalaa galma-mootummaa biyyattii Juubaan waraana irraa walaba akka taatu, ka finciltoonni taayitaa itti-aanaa Prezidaantummaa keessatti argatan mootummaan Cehumsaa guyyoota sagaltama keessatti akka ijaaramu kanneen jedhan of keessaa qaba. Garuu, gareeleen gam-lameenii eega walii-galticha mallatteessanii booda walii-galticha cabsanii jiran.

Gumii walii-galaa ka Tokkummaa Mootummootaa cinatti, mariin Boor New York-tti geggeessamuuf jiru, haala itti walii-galteen Sudaan Kibbaa hojii irra oolfamu irratti dudubbata. Muummichi-barreessaan Tokkummaa Mootummootaa Baan Kii Moon, Dura-teessuun Gamtaa Afrikaa Nikosaazaanaa Dilamiinii Zuumaa fi qaamni mootummoota naannoo araara sana geggeesse IGAD ka marii sanatti hirmaatan ta’uun beekamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG