Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ripxe Loltoonni Sudaan Kibbaa walii galtee naga eegumsaa mallatteessan


Jiloonni humootii ripxe loltootaa Sudan kibbaa walii galtee ijaarsa nageenyaa har’a ganama mallatteessanii jiran. JIloonni mootummaa fi gareen hoogganoota siyaasaa duraanii akkasumas hidhamtoonni baatii Fulbaanaa keessa walii galtee kana kan mallatteessan ennaa ta’u ripxe loltoonni tole hin jedhin hafan.

General Taban Deng Gai ripxe loltoonni boodatti hafaniiru, sababiin isaas baay’inni loltoota Juba keessaa waan isaan yaaddesseefi jedhan.

Barru gabaa sana keessatti Mootummaan loltoonni kuma shan kan baru gabaa sana keessatti kan isaa qofaa akka ta’e hubatee jira. Amma garuu akka nuti qooda keessaa qaaachuuf jirru hubataniiru. Paartilee lamaan gidduutti addaan qoodamuuf jiru. Murna waraanaa tokkooman isa duraa ta’uuf jiru jedhan.

Humnootii qooddachuu isa jedhu murteessuuf mariin itti fufa. Jaarsummaan kan hooganu IGAD erga walii galteen har’aa mallatteeffamee booda fooya’inni itti dabalaa ni argama jedhee kan abdatu ta’uu beeksise.

Itti aanaan ministrii haajaa alaa Sudan Kibbaa Peter Bashir mariin baatilee 22f geggeessamaa waan turef jecha walii galtee mallatteessuun kun

Akka walii galtee sanaatti barru gabaan kun hojii irra ooluu lola dhaabinsa dhaabbataa fi ijaarsa nageenyaa yeroo ce’umsaaf bu’uura jehdan.

Adda addummaan siyaasaa president Salva Kirr fi itti aanaa isaanii duraanii gidduu baatii Muddee bara 2013 gara hookkaraatti jijjiirame. Wlaitti bu’iinsa uumameenis uummati miliyoonaan laka’amu qe’ee ofii irraa godaanuu dhaan yergaarsa namoomaa eeggachuuf diraqame.

Uummati Sudaan kibbaa miliyoona afur ta’u hanqina nyaataa hamaaf saasilamee kan jiru ennaa ta’u kutaa Unitiy keessaa kanneen kurna kumaan laka’aman immoo qarqara afaan beelaa jiraachuu Tokkummaan mootummootaa akeekkachiisee jra. Walii galteen lola dhaabinsaa hedduun erga baatii Amajjii bara 2014 qabee ennaa mallatteeffamu tokkoon isaanii iyyuu nagaa buusuu hin dandeenye.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG