Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haasawa Biyyoolessaa Prezidaant Obaamaa – Waggaa Afuran dhufaniif Maal Maalitti Fuuleffatan?


Yeroo lammiwwan Ameerikaa hedduun akka Prezidaant Obaamaan waa’ee dinagdee biyyattiitti fuuleffatan yaada isaanii ibsaa jiranitti Prezidaantichi haasawa isaanii biyyoleessaa ka waggaa kanaa Kibxata Guraandha 12, bara 2013 isuma yaadame godhan. Waggaa dhufaa jiruuf ajandaa lafa kaayyatan keessa kan iddoo guddaa qabate dhimma dinagee ti. Dimmoonni ka biroon akka to’annaa qawwee Ameerikaa keessaa illee ni jiru.

Kan kutaa Michigaanitti argamu ‘Kettering Yuunvarsitii” dhaa ka barsiisan Dr. Ezqeel Gabbisaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin, “Prezidaant Obaamaan irra-caalaa dhimmoota lammiiwan Ameerikaatti yaaddoo uuman, akka dadhabinsa dinagdee, rakkoo baajeta mootummaa fi dhababuu hoji akkasumas, dhimma waraana biyyatti Afgaanistaan keessaa fi to’annaa abbummaa qawwee biyyattii keessaatti fuuleffatan iyyuu dhimmoota ka biroo Addunyaaf yaaddessoo ta’an illee dubbataa jiran” jedhu.

Dhimmoota akka seera immigireeshinii Ameerikaa, ittisa meeshaalee Niyuukilaraa fi duula farra shororkeessummaa irratti tarsiimoo Yunaayitid Isteets hordoftu illee kaasanii jiru, jedhanii, keessumaa seerri immigireeshinii akka namoota biyyattii seenanii fi biyyattii keessa jiraataniif akka tumamu dhiibuun isaanii akka faayidaa guddaa qabu eeran.

Waa’ee Seneerara Rippuublikaanii Maarkoo Ruubiyoo, kan haasawa Prezidaantichaa tii booda Battaluma mormiidhaan deebii kennanii ennaa dubbatan immoo, “Rippuublikaanonni waanuma Prezidaant Obaamaan dubbate mara, waan fedhe iyyuu haa ta’u ni mormina, ejjennoo jedhu waan qabatan natti fakkaata” ka jedhan Dr. Izqeel, Rippuublikaanonni yeroo mormuu mormuu fi dura dhaabbachuu malee mala furmaata ,jedhan kan gama isaanii akka hin qabnetti qeeqan.

Gaaffii fi Deebii dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:12 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG