Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Gama Kibbaa Cituutti Yoo Murtessite Iyyuu Hanga Baatii Adooleessa Dhufuutti Sudaan Waliin Turti.


Wal waraansi sudaan gama kaabaa fi gama kibbaa giddutti gaggeefamaa ture, waggootii kurna lama caalaaf kan ture yoo ta'u lubbuu miliyoona 2 caalaa galaafate.

Bara 2005 walii galtee nageenyaa gama lameen giddutti tolfameetu wal fixiinsa kana xumursise.

Sudaan gama kibbaa magaalaa Jubaa keessa kan jiru sagantaa misoomaa Tokkummaa Mootummotaa irraa Obbo Caalaa Geetaachoo akka ibsantti,walii galteen kun sudaan gama kibbaa waggoota 5f ofiin of bulchitee sana booda Amajji bara 2011 deemsa hiree murtefanno akka gaggefamu taasise jedhan.

Sagaleen hiree murteeffannoo kun Amajji 9ti kan bellamame ta'us, gaaffileen amma iyyu deebii hin argatin akka jiran kan ibsan Obbo Caalaan, kanneen keessaa gaaffiin lammummaa murtessu, maallaqa biyyattin akkamitti akka gargaaraman, liqaa sudaan irra jiru attamiin baasuu, fi kutaan Abeeyii eessatti ha cittu kan jedhu ta'uu ibsan.

Kutaa Abeeyii kan ilaaleen jiraattonni kutaa sanaa Referandamii isa guddaa dura sagalee akka kennaniif kan karoorfame ta'us amma garuu sagaleen hiree murteffannoo sanaa boodatti dabarfamuu ibsan.

Sudaan gama kibbaa cituutti yoo murtessitees, hanga baatii Adooleessa dhufuutti sudaan waliin kan turtru waan ta'eef, yeroo baatii 6 ta'u kana keessatti, waa'ee Abeyii xumuruun ni danda'ama jedhu.

MP3 tuquun guutummaa isaa dhaggefadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG