Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Kaabaa fi Kibbaa Walii Galtee Irra Ga’an


Finfinneen torban kana magaalaa dimplomaasummaa Africa maqaa jedhu argattee jirti.

Presidentiin Sudan Omar Hassan al-Bashirii fi yeroo dhiyootti hoogganaa Sudan gama kibbaa ta’uuf kan jiran Salv Kiir jaarsummaa presidentii Africa kibbaa Tabo Mbekiitiin Fifinnee keessatti marii barbaachisaa geggeessanii jiran.

Wal ga’iin kun dawwannaa ministrittii dantaa alaa America kan Hillary clintonitti aanee ti. Dilbata darbe diplomaatonni mariin Sudan hagam akka dheeratu irratti hundaa’uu dhaan sirni kun wal irra ooluu hin hafu jedhan.

Hoogganoonni Sudan kaabaa fi kibbaa bakka wal falmsiistuu gidduu isaanii Abeeyii waraana isaanii baasanii naga eegdonni Itiyoopiyaa immoo akka achi qubatan walii galuu isaanii gamtaan Afriikaa Finfinnee irraa beeksisee jira.

Sudanitti jila addaa America kan ta’an Prinston Lyman VOAf ibsa kennaniin marii sana kan keessummeessan muummichi ministeeraa Itiyoopiyaa muddamni sudan kaabaa fi kibba gidduu jiru akka dhaabatuuf qooda guddaa qabaataa turan.

Prinston akka jedhanitti muummichi ministeeraa Meles gam lameeniif gorsa kennuu dhaan waajjiraalee kennuufii dhaan gargaarsa guddaa godhaniiru. Dhiyeenyas naannoo Abyei kan jiru nageenya eegsisuu gargaaruuf waadaa kan seenan si’a ta’u gareen lamaan dhugumatti hirmaannaa Itiyoopiyaa ni barbaadu jedhan.

Ambassaddor Lyman akka jedhanitti wal ga’iin Finfinnee keessatti gargaarame kun Sudan kaabaa fi kibbaa baatii dhuftu biyya adda addaa ta’anii utuu addaan hin ba’in falmii hamaan ture akka tasgabbaa’uuf carraa gaarii ta’ee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG