Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Kibbaa Keessaa Godaanuun Itti Fufee Jira


Sudaan Kibbaa Keessaa Godaanuun Itti Fufee Jira
Sudaan Kibbaa Keessaa Godaanuun Itti Fufee Jira

Lammiwwan Sudaan Kibbaa kuma hedduun humnootii hidhatan giddutti haleellaa gaggeeffamu dheessuun gara Ugaandaatti godaanuu itti fufanii jiru. Kanneen kuma dhibba torba ta’an gara Ugaandaatti kan baqatan yoo ta’u kanneen biroon gara Suudaan, Itiyoophiyaa, Ripaablikii Kongoo,Ripaablikii Afrikaa waaltaatti dheessan.

Waluumaa gala Kan hanga ammaatti Suudaan Kibbaa keessaa ba’an Miliyoona 1.5 ta’u.Dhaabnii baqattotaa kan Tokkummaa Mootummotaa akka jedhutti Godaansii lammiwwan sudaan kibbaa kun addunyaa irratti kan Siriyaa fi Afgaanistaanti aansee sadaffaa dha. Biyyonni itti baqatan kun ofii isaanii iyyu waan ga’u of-harkaa hin qaban.Kanaaf marii nageenyaaf deebi’anii wal ga’uun barbaachisaa akka ta’e ibsamee jira.Gareeleen wal waraanaa jiranis dhukaasa dhaabins akka tolfataniif gaafatamee jira.

XS
SM
MD
LG