Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Kibbaatti Bellii Rakkoo Dabalataa Ta'uufi


Unity and Central Equatoria states, South Sudan
Unity and Central Equatoria states, South Sudan

Jaarmayaaleen Tokkummaa Mootummootaa sadi’ii fi Mootummaan Sudaan Kibbaa, godinaaleen kutaa Yuniitii keessa jiran lama caamaan dha’amuu isaaniin, namoonni kuma dhibba tokkoo ol miidhamuu isaanii har’a labsanii jiran.

Rakkoon caamaa kun akka naannolee kaanitti babal’achuu malan illee dubbatu – qaamonni ibsa baasan kun.

Eega wal-waraansi Mudde bara 20013 biyyattii keessatti ka’ee as, Sudaan Kibbaa lolaa fi rakkoo dinagdeen mancaatee jirti.

Dhaabbatni Maallaqa Gargaarsa Daa’immanii Sadarkaa Addunyaa, Jaarmayaan Nyaataa fi Qonnaa Tokkummaa Mootummootaa, Sagantaan Nyaata Addunyaa fi Mootummaan Sudaan Kibbaa, “Rakkoolee Sudaan Kibbaa duraanuu turan irratti beelli dabalamuu mala” jedhan – ibsa har’a baasan sana keessatti.

Uummatni miliyoona tokko ta’u akka balaa beelaa keessa jiru ka dubbatan – Mootummaan Sudaanii fi Jaarmayaaleen Tokkummaa Mootummotoaa kun, walumaa-galatti uummatni biyyattii miliyoona shan ta’u hanqina nyaataa hamaa keessa jiruu fi lakkoobsi kun, baatii Adoolessaatti, gara miliyoona shanii fi qabxii shaniitti – jechuun gara walakkeessa uummata biyyattiitti akka guddachuu malu akeekkachiisan.

Haga waraansi bara 2013 biyyattii keessatti ka’ee as, namoota kuma kurna hedduu ta’an tu dhume. Biyyi ollaa sanaa – Yugaandaan baqattoota Sudaan Kibbaa gara kuma dhibba toorbaa simattee jirti. Amma illee baqattoonni ittuma yaa’uutti jiran.

XS
SM
MD
LG