Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaanii fi Sudaan Kibbaa Wal-hammeessuu Guddaa Dhaa Booda Wal-hammatu Moo Wal-darbatu?


Sudaanii fi Sudaan Kibbaa Kaleessa marii yeroo dheeraa tii booda dhimmoota gidduu isaaniitti wal-falmsiisoo tahan sadii keessaa lama irratti marii furmaataa geggeessuuf walii-galtee sadarkaa duraa mallatteessanii jiran.

Wal-balaaleffannaa fi walitti-wacuu guddaan gam-lameenii ennaa gara gab jechuu fi yaada ofii keessa-deebi’uutti dhufe, jalqaba baatii kanaa irra Finfinnee keessatti eegalame mariin Sudaanii fi Sudaan Kibbaa gidduu kun. Jiloonni Kaartumii fi Jubaa irraa walitti-dhufan dhimmoota wal-falmsiisoo akka dhimma daangaa fi dhimma lammummaa biyyoota lameen gidduu furachuuf, mala itti waliin hojjetan lafa kaayyatan.

Ka caalaa wal-falmsiisaa tahe dhimmi zayita boba’aa, haga dhimmoota daangaa fi lammummaa irratti walii-galteeleen tolfamanii mallatteessamanitti akka lafa hin kaasamne taasisame. Prezidaantiin Sudaan Omar Hasan Al-Bashir walii-galticha mallatteessuuf ennaa gara Sudaan Kibbaa deeman, eega gaafa ayyaana Walabummaa Sudaan Kibbaa tii as, ka jalqabaa tahuuf jira. Guyyaan isaa hin beekamne, garuu torbanneen dhihoo fuul-duraa kana keessa taha - jedhu - aangawoonni.

Gamtaa Afrikaa bakka-bu’uun ka biyyoota lameen araara dubbachiisan Prezidaantiin Afrikaa-kibbaa duraanii Taaboo Imbeekii eega biyyoonni lameen jecha jajjaboo walitti dadarbachuu dhaabanii booda marii geggeessameen walii-galtee kana irra gahamuu dubbatu.

Gabaasaa isaa MP3 tuquun dhaggeeffadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG