Xurree ittiin seenan

Breaking News

Taanzaaniyan Godaantota Itiyoophiyaa 83 Seeraan Ala Biyyattii Seenan Hidhaa Waggaa sadi'ii Itti Murteessite


Baqattota Itoophiya, Yemeenitti (Faayilli)
Baqattota Itoophiya, Yemeenitti (Faayilli)

Mootummaan Taanzaaniyaa Godaantota lammilee Itiyoophiyaa 83 kan seeraan ala biyyattii seentan jedhamanii himataman hidhaa waggaa 3tiin yookiin adabbii qarshii Shiilingii Taanzaaniyaa miiliyoona 1 akka adabaman murteesse.

Lammileen Itiyoophiyaa kutaa kibba Taanzaaniyaa Iriingaatti walakkeessa ji’a amajjiitti qabaman jimaata darbe mana murteetti ka dhiyaatan yoo ta’u, murteen manni murtichaa isaanirratti dabarses hedduu akka isaan naasise gaazexeessaan kutaa bulchiinsa Iiringaa jiraatu Firaayidey Simbaayaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf himeera.

Kana malees dhaddachi kuni lammilee Taanzaaniyaa lama kan godaantota kana seeraan ala fuudhanii deemaa turan hidhaa waggaa 5 yookiis adabbii qarshii Shiilingii Taanzaaniyaa miiliyoona 1.5 isaan adabeera. Dhimma murtee godaantotaa kana ilaalchisuunis Raadiyoon Sagalee Ameerikaa waa’een kun ka isa ilaallatu waajjira Iimbaasii Itiyoophiyaa gaafachuuf yaalus osoo hin milkaa’in hafeera.

Gabaasni sagalee kunooti
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:58 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG