Xurree ittiin seenan

Breaking News

Taanzaaniyaan Godaantota Itoophiyaa 74 Biyya Isaaniitti Deebisuuf Gargaarsa IOM Gaafatte


Tanzania
Tanzania

Waajjirri Immigreeshinii Taanzaaniyaa godaantota Itoophiyaa 74 naannoo Kilimaanjaroo Taanzaaniyaa jiran akka biyya isaaniitti desbisuu isa gargaaruuf Dhaabbata godaantota fi Baqattoota qubsiisu International Organization of Migration (IOM)’n gaafate.

Lammileen Itiyoophiyaa kun ka yeroo hidhaa isaanii Taanzaaniyaa keessatti fixatanii gara Itoophiyaatti akka deebi’an irratti murtaa’e yoo tahan, torbee sadiidhaan duras mootummaan Taanzaaniyaa akka gara Itoophiyaa dabarfamaniif daangaa Keeniyaa irratti fidee isaan gatuun isaa ni yaadatama.

Yoosuus humnootni kellaa daangaa Keeniyaa eegan godaantota kana gara daangaa Keeniyaatti akka hin dabarre ka dhowwan yoo tahu, waajjira kutaa bulchiinsa bakka godaantonni kuni itti gatamuuf turan irraa qondaalli mootummaa Keeniyaa tokko akka jedhanittii, mootummaan Taanzaaniyaa lammilee kana utuu biyyasaaniitti erguu qabuu fidee daangaa Keeniyaa irratti gatuun sirrii hin turree jedhan.

Taanzaaniyaa Naannoo Kilimaanajrootti dura taa’aa waajjira Immigreeshinii ka ta’an, Mr.Maankuuguu, waajjirri keenya gatii baasii gahaa isaaniif hin qabneef akka lammilee Itiyoophiyaa kana biyyatti deebisuuf dhaabbata godaantota qubachiisu IOM’n tumsa gaafanneerraa jechuun Raadiyoonii VOA’f himanii jirani.

Dhimmi godaantota kanaa ka isa ilaallatu waajjirri qoonsuula Itiyoophiyaa Naayiroobii, waa’ee godaantota kanaa quba qabaa jedha. Waajjirichatti Itti aanaa barreessaa ka ta’an Obbo Andaarguu Berihee akka jedhanittii, waajjirri keeniya godaaantonni kuni lammilee Itiyoophiyaa tahuu fi tahuu dhabuu isaanii adda baafatuuf jedha jechuun dubbatan.

Dhimma kanaaf akka tumsu ka gaafatame dhaabbati godaantota qubsiisu IOM waa’ee lammilee Itiyoophiyaa kana ilaalchisee waantinni ifaan haga yoonaa dubbate hin jiru.

Taanzaaniyaan godaantota Itoophiyaa ufi irraa Galchuuf Gargaarsa gaafatte
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:42 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG