Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ba'iin Filannoo Taanzaaniyaa ka duraa har'a beeksisamuu mala


Aangawoonni Filannoo, ka Taanzaaniyaa ba’ii filannoo Mana-maree fi Prezidaantummaa, ka kaleessa biyyattii keessatti geggeessamee, har’a labsuuf karoorfachuu isaanii dubbatu.

Kan yeroo dheeraaf aangoo mootummaa biyyattii qabatee ture paartiin CCM, akka misooma biyyattii shaffisiisuu fi iyyuma otuu addaan hin citiin sadarkaa ol’aanaa irra ture xiqqeessuuf dhiibbaa jaabaa tu mudatee jira.

Gamtaa Paartiilee mormituu, ka muummicha-ministaraa biyyattii duraanii, Edwaard Lowaasaa kaadhimamaa prezidaantummaaf dhiheeffate irraa nokkortiin cimaan paarticha mootummaa mudate jedhama.

Mr. Lowaasaan kaleessa ennaa sagalee kennetti, kanneen biroon illee, akka yaa’anii sagalee kennan waamicha dhiheessan.

Lammiwwan Taanzaaniyaa maraan, “nageenyi jira, gad-ba’aa sagalee kennadhaa. Carraa ittiin biyyattii keessatti seenaa hojjechuu dandeessan kanatti fayyadamaa. Maaloo gada-ba’aa filadhaa. Nageenyii fi tasgabiin ni jira. Akka seenaa hojjennuuf ka’aa nu gargaaraa jedhan.

Buufataalee filannoo biyyattii haga tokko keessatti rakkoon uumamuun gabaasame iyyuu - aangawoonni koomishina filannoo, filannoon sun naga-qabeessaa, walabaa fi kan madaalii eege ta’uu isaa kaleessa dubbatanii turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG