Xurree ittiin seenan

Breaking News

Perez.Taanzaaniyaa Joon Magufuli guyyaa bilisummaa biyya isaanii ulfeessuuf ummata waliin bahee karaa qulqulleesse


Pireezdaanti John Magufuli
Pireezdaanti John Magufuli

Taanzaaniyaan guyyaa bittaa Biriteyin jalaa baate Muddee 9, 1961 ulfeeffatte. Guyyaan kun akka durii kaan hiriira deeggarsaa fi gammachuu bahuun adoo hin tahini ummatii bahee karaa qulqulleesusun ulfeessan.

Perezidaantiin Taanzaaniyaa Joon Magufulilleen warra bahee ummataa hujii tolaa hojjate keessaa tokko. Karaa teessoo mootummaa isaanii Dar es Salaam ummata waliin bahee haree huura,kosii guure.

Joon Magufulii yoo gaafa filannoo dorgomeeyyuu horii ummataa guyyaa bilisummaa ulfeessuuf jedhanii karaa hedduun baduu dhowwuuf waadaa gale.

Tana maleellee perezidaantiin kun horii biyyaa isaa qusuuf akka bulchootii mootummaa isaa imaltuu biyay alaa diqqeeffatan,akka horiin yoo paarlaamaan hujii jalqabu irbaata qopheessuuf bahu diqqaatu tolche.

Lafa qulqulleessuun hardhaa tun akka biyya isaanii keessati dhiba akka ‘Cholera’ fa diqqeessuuf huura,kosii tuulamte karaa irraa qulqulleessan.

Taanzaaniyaan biyyaakka dhaabii Transparency International, ka akka horiin ummataa hin banne tohatu jedhutti horiin ummata akka malee itti badu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG