Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhamtoota Dhibba Hedduu Mooraa Waraanaa Magaalaa Mi’eessoo Irraa Bakka Hin Beekamnetti Geessuuf Yaaliin Godhame Hin Milkoofne, Jedhu Jiraattonni


Hiriira mormii Oromiyaa, Hagayya 6, 2016
Hiriira mormii Oromiyaa, Hagayya 6, 2016
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:59 0:00

Godinaa Hararghee Lixaa, aanaa Mi’eessoo, magaalaa Mi’essoo keessa ka jiru mooraa waraanaa ‘Chaayinaa Kaamp” jedhamu keessatti, ummanni gara kuma tokkoo fi dhibba saddeetii ta’an akka hidhamanii jiranitti ka dubbatan, jiraattonni magaalatti, “halkan dabre kana immoo, hidhamtoota sana achi irraa guuranii gara biraatti geessuuf jecha, konkolaatota guguddaa fidanii mooraa sanatti galchan” jedhu.

Uummatni duraanuu dhimma kana gurraa qabuu fi konkolaatota sana arge gara mooraa waraanaa sana deemee hiriiruudhaan, “namoota keenya as irraa fuutanii bakka biraa geessuu hin dandeessan” jechuudhaan dura dhaabbate – jiraattota nuti dubbisne keessaa tokko. Kan irraa kan ka’e, humnoonni mootummaa halkan dabre namoota hedduu reebuu isaanii dubbatu. “Haga ammaatti, akka yaadanitti hidhamtoota sana fudhatanii deemuu dadhaban iyyuu, galgala har’aaf itti qophaawaa jiran” jedhu. Hoogganaa Qorannaa, ka waajira poolisii aanaa Mieessoo fi hoogganaa Komaand Poostii dhaaba OPDo dubbisuu yaalle iyyuu telefoona nu irratti cufan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG