Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tarkaanfiileen Humnaa Hiriirtota Irratti Fudhatamaa Jiran Haala Itiyoophiyaan Keessa Jirtuuf Furmaata Hin ta’u, Jedhu Aangawaa Ol’aanaan, ka Yunaayitid Isteets


Toom Maalenoowiskii, Ministara Dhimma-alaa Yunaayitid Isteetsitti, Ministarri gargaaraa
Toom Maalenoowiskii, Ministara Dhimma-alaa Yunaayitid Isteetsitti, Ministarri gargaaraa

Tarkaanfiileen humnaa fudhatamaa jiran, haala yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessaas furmaata ta’uu akka hin dandeenye – Ministara Dhimma-alaa Yunaayitid Isteetsitti, Ministarri gargaaraan – Toom Maalenoowiskii dubbatanii jiran.

Hiriirawwan geggeessaman keessatti hagi xiqqoon tarii jeeqamaaf ittiin-ka’insa ta’uu ni malan – ka jedhan, dhimma dimookiraasii, mirga dhala-namaa fi hojiif Ministara gargaaraa Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets ka ta’an – Mr. Maalenoowiskiin, “Hirmaattonni Hiiriirawwanii irra-hdduun garuu, mirgawwan yaada ofii ibsachuu, ka heera Itiyoophiyaa keessatti tumamamnii jiranitti ka fayyadaman ta’uu isaaniitti ni amanna” – jedhanii jiran.

Itiyoophiyaan, waa’ee humnoota alaa akka yaaddoo qabda kan hubatan ta’uu dubbatanii, Al-shabaaniin akka fakkeenyaatti kaasuunn ibsan.

Kanneen Itiyoophiyaa dhaa ala jiranii fi yeroo baay’ee biyyoota mirga dhala-namaa hin kabajneen deggeraman – namoonnii fi gurmuuleen akka jiran ka dubbatan – Toom Maalenoowiskii --- “jarri kun yeroo tokko tokko mootummaan humnaan buusuuf waamicha dhiheessu. Yunaayitid Isteetsis, akkuma Itiyoophiyaa, waamicha mootummaan humnaan buusuu ni mormiti. Garuu, mormiilee biyyattii keessatti geggeessamaa jiran mara, diinota alaa wajiin wal-qabsiisuun hin danda’amu. Namoonni kumaan lakkaawwaman bakkawwan hedduu fi naannoolee adda addaa keessatti ennaa hiriira ba’an, ‘hojii diinota alaa ti’ jechuudhaan fudhatama dhorkachuun hin danda’amu.” – jedhan.

Aagawoonni Itiyoophiyaa, “himannaalee hiriirtota dhugaa-qaban ” – ittiin jedhaniif deebii kennuuf akka hojjetaa jiran dubbatu – aangawaan Ministrii dhimma-alaa Yunaayitid Isteets kun.

Kunis ta’ee, “humnoonni mootummaa humna gitaa olitti fayyadhamuu, namoota hedduu ajjeesuu fi madeessuu, akkasumas, namoota kuma hedduutti lakkaawaman hidhuu itti fufanii jiran” – ka jedhan – Ministarri gargaaraan, Ministitrii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets – Toom Maalenoowiskii---- “humnatti gargaarsamuun, hiriirawwan tokko tokko yeroodhaaf dhaabuu danda’a ta’a. Ennaa deebi’anii ba’an garuu, mariif akka balbala hin banne isaan taasisa” – jedhan.

Lammiwwan Itiyoophiyaa, hiriirawwanitti hirmaatan – sababaa jedhuun akka mana hidhaatti guuramanii jiran kan manan ta’uu illee hubachiisanii jiran.

“Baay’een isaanii mana murtiitti hin dhihaanne. Abukaatoo seeraa hin arganne. Himannaan ifatti irratti hin dhihaanne” jedhan.

Waa’ee paartiilee mormitootaa fi jaarmayaalee Siivikii ugguruus ennaa dubbatan, “hoogganoota paartiilee mormituu hidhuunii fi ka jaarmaayaalee Siivikii ugguruun namoota hiriira ba’uu irraa oolchuu hin danda’a” – ka jedhan – aangawaan Yunaayitid Isteets kun, “inumaa, sochiilee hooggana hin qabne uumee, mootummichas, qaama marii nagaa waliin geggeessu isa dhabsiisa” – jechuun hubachiisan.

Haala tajaajilawwan interneetii itti dhabamanis hubachuu isaanii dubbatanii, “tajaajila interneetii cufuun, mormitoota cal jechisiisuu hin danda’u. Inumaa investaroota alaa fi Tuuristotoa akka biyyattii irraa baqatan taasisa” – jedhan – Ministrii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteetsitti, Ministarri gargaaraan Dhimma Dimookiraasii Mirga Dhala-namaa fi Hojii Toom Maalenoowiskii.

Tarkaanfiileen Humnaa Hiriirtota Irratti Fudhatamaa Jiran Haala Itiyoophiyaan Keessa Jirtuuf Furmaata Hin ta’u, Jedhu Aaangawaa Ol’aanaan, ka Yunaayitid Isteets
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:05 0:00

XS
SM
MD
LG