Xurree ittiin seenan

Breaking News

Teedroos Adaanoom Jarmayaa Fayyaa Hoogganuuf Dorgommiif Dhiyaatan


Teedroos Adaanoom Jarmayaa Fayyaa Hoogganuuf Dorgommiif Dhiyaatan
Teedroos Adaanoom Jarmayaa Fayyaa Hoogganuuf Dorgommiif Dhiyaatan

Biyyoonni miseensa jarmayaan fayyaa addunyaa kan WHO 194 Genevaa keessatti wal ga’uu dhaan har’a wal ga’ii isaanii guyyoota 10 egaluuf jiru. Dhimmi ijoon gumii kanaas hoogganaa WHO isa itti aanu filachuuf jecha.

Dr. Teewdroos Adhanoom kaadhimamtoota taayitaa kanaa kan Briteen fi Pakistan waliin dorgomuuf jiru.

Lawrence Gostin Joorj Waashingten Yuniveersitiitti directora waaltaa “ National and Global Health Law” jedhamuu gaazexaa New York Timesf akka ibsanitti Itiyoophiyaan seenaa dhukkubi Koleeraa ka’uu isaa laaffisuun dubbataa turte. Kanaaf yoo ministeerri dhimma alaa Itiyoophiyaa duraanii Teewdroos Adhaanoom hooggana kanaaf filatame WHOn fudhatama qabu Dhaba jedhan. Itiyoopiyaan ennaa Teewdroos ministeera eegumsa fayyaa turanitti yeroo sadii ka’uu dhibee koleeraa dhoqsite jechuun himatame.

Kaan immoo Dr. Teewdroosiin kanneen deggeran ni jiran. Daayriktera waaltaa to’annoo fi ittisa dhukkubootaa kan Ameerikaa duraanii tom Frieden tokko. Frieden akka jedhanitti falmiin waa’ee kaka’uu dhukkuba kanaa ilaalchisee jiru ol kaafamee afarfame.

Ennaa Teewdroos ministeera eegumsa fayyaa turanitti koleraa dhukkuba garaa kaasaa fi haqqisaa ariifachiisaa jedhanii waamuun Ittisuu dhukkuba kanaa irraa waan hir’isu hin qabu. Eenyuun iyyuu isa kaan irra akka dhukkubsatu hin godhu. Ykn immoo hin du’u. Erga Sanaa qabee koleraa dhaaf talaalii haaraan argamee jira. Biyyoonni Afriikaas dhukkuba kana koleraa jedhanii waamuuf biyyoonni Afriikaa martinuu qorannoo laaboraatoriitiin mirkaneeffachuu qabu. Sana bodoa tallaaliin kennama. Kun egaa waggoota lamaan darban haala uumame jedhan.

koleeraatu jira jedhanii labsuu hafuun miidhaa inni dhaqqabsiise hin jiru jedhan Frieden.

WHOn Caamsaa 12 akka gabaasetti ka’uu dhukkubaa miilanaatiin Itiyoophiyaa naannoon Somaalee akkaan kan dha’ame yoo ta’u erga baatii Amajjii qabee namoota 768tu du’an. Kanneen du’an dhibba irraa harki 99 naannoo sana keessaa yoo ta’an dhukkuba kanaan kan dhukkuba kanaan qabaman dhibba irraa harki 91s naannoo dhuma Somaalee keessaa ti.

Teedroos Adaanoom Jarmayaa Fayyaa Hoogganuuf Dorgommiif Dhiyaatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:30 0:00

XS
SM
MD
LG