Xurree ittiin seenan

Dhaabi gargaarsaa kutaa kaalifoorniyaa Lammiiwwan Oromoon bu’uurfame baqattootaa gargaaraa jira

  • Tujube Hora

Aadde Owliyaa fi Meeymunaa

Aadde Owliyaa fi Meeymunaa

Lammiiwwan Oromoo akka baqataatti dhufanii as United States kutaalee adda addaa keessa qubatan hedduu dha. Kanneen keessaa kutaa California keessa maatiiwwan jiraatan tokko keessummaan keenya har’aa.

Bara 1984 gara US-tti kan godaanan haatii fi intalli, waggoota 10 dura dhaaba baqattoota gargaaru “Tiya foundation” jedhu hundeessan. Bu’uursitoonni dhaaba kanaa aadde Owliyaa Diimaa fi intala isaanii Maymuna Huseen. Xumura torban darbee dhaabi kun magaalaa Irvine, clifornia keessatti deemsa “ Walk for Unity” jedhuuf deggersa godaantotaaf geggeessame qindeessee jira. Rakkoon baqattummaa waan naa galuufan baqataa gargaaruuf ka’e jedhu aadde Owliyaan.

Intalli isaanii Maymunaa Huseenis waajjira dhaaba “Tiyya Foundation” jedhamu directorummaan kan hooggantu ennaa ta’u, waggaatti duraan kan baqattoota 70-80tti keessummessaa dhaabi kun yeroo ammaa baqattoota 600 ol simatee gargaaraa kan jiru ta’uu dubbatti.

XS
SM
MD
LG