Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira dhiyoo Oromiyaa fi naannoo Amaaraatti bahan irratti nama 100 dhiyaatutti lubbuu dhabe jedha, Amnesty International


Hiriira mormii Oromoon Finfinneeti bahe, Hagayya 6, 2016
Hiriira mormii Oromoon Finfinneeti bahe, Hagayya 6, 2016
Hiriira Oromiyaa fi naannoo Amaaraa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:24 0:00
Xurree marsariitii

Akka dhaabii mirga ilmaa namaatii falmu Amnesty International ibsa kalee baaseen jedhetti hiriira Oromiyaa fi naannoo Amaaraa keessatti nama 97 ijjeefame;67 Oromiyaa keessaa 30 ammoo naannoo Amaaraati.

Amnesty international gabaasa kalee baase keessatti hiriira Oromiyaa naannoo Amaaraa keessatti sanbata lamaan dabre bahan irratti nama 100 dhiyaautti dhumatee jedhe.

Misheel Gagaariti,itti aantuu itti gaafatamtuu Amnesty International damee Afrikaa fi biyyoota haroolee gugurdoo Afrikaa jala jiranti.Oromiyaa qofa keessaa nama 70 dhiyaautti ijjeefamee jetti.

“Yoo akkama diqqaate nama namii 67 dhumuu isaa warra nutti irraa mirkanfanne,”.

Akka gabaasa Amnestiitti hiriira naannoo Oromiyaa ka ji’a hedduu bahaa kana irratti nama kuma hedduutti hidhame.Warrii hiriira bahe kun akka gabaasa Amnestiitti waan fedhuu qaba.

“Namii mirga ufii gaafachuuf bahe.Namii hedduutti bahee akka mootuymmaan jijjiiramu gaafate.”

Tana maleeee akka gabaasa kanaatti warrii hiriira bahe kun akka seerii biyya tanaa jijjiiramu,akka mirgii namaa kabajamu, seerii siyaasaa Itoophiyaa jijjiiramuu fi waan hedduu gaafate.

Akka dhaaba kanaatti nama kuma hedduutti waajjira poolisi,leenjii waraanaaatii fi fulaa namii hin beenne hedduutti geessan.

Ministirii haajaa alaa Amerikaa,
Ministirii haajaa alaa Amerikaa,

Gama kaaniin ammoo akka embaasiin Amerikaa Finfinnee jiru ibsa kalee baase keessatti jedhetti hiriirii Oromiyaa fi naannoo Amaaraatti bahe haga guddaan eeyyama malee bahee jedha Embaasiin Amerikaa Finfinnee jiru

Embaasiin Amerikaa ibsa kalee baase irratti baaseen jeequmsii guddaan hiriira Oromiyaa fi naannoo Amaaraa irratti dhalte guddoo nu yaaddessaa jedhe.

“Hiriira kana irratti warra hiriira bahee fi poolisii keessallee namii lubbuu dhabuun mirkanaa taatullee nama hagamitti lubbuu dhabeen mirkanfeeffannee waan arganne hin qamnu,”jedha.

Embaasiin kun qabeennaa fi lubbuu tana irratti baddee waan garaa nama nyaataa jedha.

Hiriir kun hagii guddaan akka gabaasa Embaasii Amerikaa Finfinnee jiruutti eeyyama malee bahe taatullee akka warrii wal dhabe lachuu dubbii tana marii faaydaa qabduu fi karaa nagaatiin fala argattu gaafate.

Tana maleellee Embaasiin Amerikaa akka yaada lammii Itoophiyaa paartilee mormituullee taanaan mirga isaanii, kabajameefii karaa nagaatiin yaaddoo isaanillee himachuu dandadahan gaafate ibsii kun.

Ibsii ministirii haajaa alaa Amerikaa irraa dhufelleen yaadauma kana jedha.Namaa fi qabeenna tana irratti lubbu dhabee hin gaddinaa kun waan nama yaaddessaati jedha.

Wanti jiraa karaa nagaatiin tahu maltee mirgii namaa ka paartilee mormituulleen eegamuuf qabaa jedha gabaasii embaasii Amerikaatii bahe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG