Xurree ittiin seenan

Breaking News

Murtiin Koo Sirrii Dha : Prezidaant Traamp


 Prezidaanti Yunaaytid Isteets, Donaald Traamp
Prezidaanti Yunaaytid Isteets, Donaald Traamp

Baqattootaa fi namoonni biyyoota Musleemaa beekamoo torba irraa gara Yunaaytid Isteetes akka hin seenneef ajaja kan kennan prezidaant Donaald Traamp murtiin koo sirriidha jechuun falmaa jiru.

Gareeleen mirga dhala namaaf falman garu hojiin deggersa seeraa qabu hojjatamuu qaba jedhu.Guutummaa Amerikaa keessatti tarkaanfii Traamp fudhatan kana mormuun uummanni kumii hedduun hiriira nagaa ba’aa jiru.Demokraatonnis ugguura ka’ame kana seeraan falmuuf qophaa’aa jiru.

Prezidaant Traamp wiixata har’a ergaa hedduu gama Twitariin kan dabarsan yoo ta’u Ministeerri nageenya biyyaa Jaan Keliin rakkoo xinnoon ala hunduu haala gaariin gaggeffamaa akka jiru naa ibsaniiru jedhu.Rakkoo guddaan buufataalee xayyaaraa mudatan immo rakkoo Komputaraan ta’u ibsan.

XS
SM
MD
LG