Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp Tuuta Oduuf Ibsa Kennan


Prezidaantii Amerikaa ta’uuf haaraa kan filataman, Donaald Traamp
Prezidaantii Amerikaa ta’uuf haaraa kan filataman, Donaald Traamp

Prezidaantii Amerikaa ta’uuf haaraa kan filataman Donaald Traamp yeroo baatii 6 ta’uuf jiru keessatti yeroo duraaf Robii Amajjii 11 bara 2016 tuuta oduuf ibsa kennanii jiru.

Raashiyaan filannoo baatii Sadaasa darbe gaggeeffame keessatti akka Traamp injiifatan gargaarte kan jedhu ilaalchiseen gaaffiin dhiyaateefii jira.Kana malees daldala dhunfaa sadarkaa addunyaatti qabanii fi aangoo prezidaantummaa Amerikaa attamitti wal faana deemsisuu akka danda’an gaafatamanii jiru.

Traamp tuuta oduuf yeroo dhumaaf ibsa kan kennan Adooleessa 27 bara 2016 yoo ta’u mormituu isaanii Hilarii Kliintoon jechaan dhauun jalaqaban.

Prezidaantoonni Amerikaa kanneen dhiyeenya kanaa filannoo gaggeeffameen injifachuu isaanii erga labsamee guyyaa muraasa keessatti tuuta oduuf ibsa kennu.Traamp garu erga injifatanii booda dhaamsa Twitarii irratti fulleefachuun 1600 barreessan.

XS
SM
MD
LG