Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp Ajaja Haaraa Mallatteessaa Jiru


US President Donald Trump speaks to staff at the Department of Homeland Security in Washington, DC, on Jan. 25, 2017.
US President Donald Trump speaks to staff at the Department of Homeland Security in Washington, DC, on Jan. 25, 2017.

Godaantoota seeraan ala Amerikaa seenan ittisuuf Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes haaraan Donald Traamp biyya isaanii fi Meeksikoo gidduu daangaan gama kibbaan jiru akka ijaaramuuf Robii kaleessaa ajaja kan kennan yoo ta’u giti isaanii kan Meeksikoo immoo biyyi koo maallaqa tokko kanaaf hin laattu jedhan.

Traamp ajaja kana kan mallatteessan waajiira nageenya biyyaa yeroo daw’ataniitti ture. Waajirri kun kan mootummaa Federaalaa yoo ta’u waa’een kabajamuu daangaa biyyaa kan isa ilaallatu ta’uun beekamaa dha.

Daangaan Ameerikaa gama kibbaatiin rakkoo keessa jirra jedhan Traamp. Godaantoonni seeraan Amerikaa waaltaa irraa seenuun nuufis ta’e meeksikoof miidhaa geesisaa jira jedhan.

Kanaaf tarkaanfiin amma fudhataa jirru nageenya biyyoota lameenii ni foyyeessa jedhanii kan amanan ta’uu ibsanii keessumaa Meeksiskoof gaarii dha jedhan.

Gama kaaniin Prezidaantiin yunaaytid Istetes Donald Traamp namoonni biyyoota Musleemaa gurguddoo ta’an irraa Amerikaa akka hin seenne seera ugguru mallatteesuuf jiru. Traamp Televiziyoona ABC jedhamu waliin gaaffii fi deebii gaggeessaniin biyyoota shoroorkaa guddaan keessa jiru fi biyyoota namoonni keessa darbuun gara keenya dhufan akkasumas rakkoo jabaa uuman ittiin jedhan maqaa dhahan.

Kanneen wixinee ajaja kanaa keessa beekan akka jedhantti ajajai kun erga hojii irra oolee kaasee namoonni Iraaq, Iraan, Liibiyaa, Siiriyaa, Somaaliyaa, Sudaan fi Yaman irraa gara Amerikaa seenuu fedhan yoo hagam xiqqaate guyyoota 30 turuu qabu.

Traamp yeroo duula filannoo gaggeessaa turantti namni biyya musleemaa kamiin iyyu irraa Amerikaa seenuu hin danda’uu jedhanii turan.

XS
SM
MD
LG