Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni Ameerikaa fi Raashiyaa Bilbilaan Waliin Mari’achuuf Jiru


Hoogganoonni Ameerikaa fi Raashiyaa Bilbilaan Waliin Mari’achuuf Jiru
Hoogganoonni Ameerikaa fi Raashiyaa Bilbilaan Waliin Mari’achuuf Jiru

Prezidaantiin US Doonaald Traampii fi prezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putin har’a bilbilaan dubbachuuf jiru.

Baatii darbe US Siiriyaa keessatti haleellaa waraanaa geggeessuu ishee Raashiyaan erga mormitee as hoogganoonni lamaan ennaa marii geggeessan isa jalqabaa ti.

Hoogganoonni kun lameen wal waraansa Siiriyaa fi Mr. Putin prezidaant Bashaar al Assaadiin deggeruu isaanii ilaalchisee ni mari’atu jedhamee eegama.

Prezidaant Traamp filannoo prezidaantummaa erga injifatanii hoogganaa Raashiyaa waliin bilbilaan ennaa dubbatan yeroo sadaffaaf ta’uu isaa ti.

Raashiyaan baatii darbe magaalaa st Pitersburg irratti haleellaan shororkeessotaa erga raawwatamee booda sanatti aansee immoo Traamp erga hirbuu seeanii booda waliin dubbachuun isaanii ni yaadatama.

Traamp hoogganaa Raashiyaa Putin waliin ta’uu dhaan shororkeessummaatti duulla jedheen abdadha jechuun ennaa duula filannoo jechuun isaanii ni yaadatama. Haa ta’u malee hariiroon Raashiyaa fi US yeroo dhiyoo as yeroo kamiinuu caalaa dadhabaa dhufuu isaatti argamaa jira jedhan.

XS
SM
MD
LG