Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shororkeessummaatti duuluuf tattaaffii goonu dachaa dhaan daballa jedhan Obaamaan


Haleellaan shorokeessotaa Paaris keessatti raawwatame gumii hoogganootaa biyyootii duroomanii kan G20 jedhu haguugee. Prezidaant Baaraak obaamaanis rakkoo Syriyaa keessaa xumuraan ga’uuf tattaaffii godhamu kan saffisan ta’uu isaaniif Ferensaay shakkamtoota jimaata darbe haleellaa lubbuu galaafate raawwatan ennaa barbaaddu gargaaruuf waadaa seenan.

Haleellaan shorokeessotaa Paaris keessatti raawwatame gumii hoogganootaa biyyootii duroomanii kan G20 jedhu haguugee. Prezidaant Baaraak obaamaanis rakkoo Syriyaa keessaa xumuraan ga’uuf tattaaffii godhamu kan saffisan ta’uu isaaniif Ferensaay shakkamtoota jimaata darbe haleellaa lubbuu galaafate raawwatan ennaa barbaaddu gargaaruuf waadaa seenan.

Hoogganoonni kun kan wal ga’an dhimmootii daldalaa, energy, jijjiirama qilleensaa irratti mari’achuuf wal ga’an. Haa ta’u malee haleellaa shororkeessonni Paaris irratti raawwatanii fi waa’ee wal’itti bu’iinsa Siiriyaa keessaa waa gochuun akka irra jiraatu ajendaa marii isaanii dhuunfate.

Tattaaffii keenya dachaa dhaan daballa jedhan.

Obaamaan akka jedhetti United States Ferensaat waliin tokkummaan ni dhaabatti, kanneen halellaa kana raawwatan adamsuus ni gargaarti. Rakkoo Siiriyaa keessaaf furmaata barbaaduuf ni hojjetti jedhan.

Akkuma haleellaa suukaneessaa Ankara keessatti raawwatamee, ilaalcha jal’aa dhaan namoota badii hin qabne ajjeesuun haleellaa Ferensaay fi Turkii qofaa irratti raawwatame utuu hin taane haleellaa addnyuaa ammayyoome irratti raawwatame jedhan.

Jalaqaba gumii Sanaa irratti kanneen haleellaa shorokeessummaa sanaan lubbuu isaanii dhaban yaadachuuf yeroon calliinsaa geggeessamee jira.

Ferensaay biyyi gaddaan liqimfamte Wixata har’aa erga angawoonni haleellaa samii irraan mannii garee ISIS kan Siiriyaa irratti raawwatanii booda hojiitti deebitee jirti.

Halleellaan Ferensaay keellaalee garee IS kan magaalaa Siiriyaa Raqaa keessaa halkan edaa haleeletti poolisiin Ferensaay immoo magaalaalee guutuu biyyattii keessatti sakatta’a geggeessaa oolan.

Poolisiin Ferensaay fi kan Beeljium shakkamaa 8ffaa haleellaa Paaris raawwatan keessaa tokko kan ta’e kan umuriin waggaa 26 Salah Abdesalamiin adamsaa jiran.

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:22 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG