Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tuuristoota Daawwannaaf Gara Itiyoopiyaatti Imalan Keessaa Shan Ni Ajjeefaman


Tuuristoota 27 daawwannaaf gama Afaaritti imalan keessaa hidhattoonni dhukaasa bananiin shan du’anii tokko madaa’ee lama immoo ukkaamsamanii butamaniiru.

Mootummaan akka jedhetti haleellaan sun kan raawwate wixata galgala daangaa
Ertraa fi Affaar irratti ture.

Kanneen haleellaa sana raawwatanis hidhattoota mootummaa Ertraan ergaman jedhee jira.

Ministeera haajaa alaatti directora walii galaa kan beeksisaa fi quunnamtii uummata obbo Geetachoo Redaa VOAf telefoonaan ibsa kennaniin gochi kun kan mootummaa Ertraa ta’uu isaaf shakkiin hin jiru jedhan.

Waggaa darbes yeroo wal ga’iin gamtaa Afriikaa Finfinnee keessatti geggeessame haleellaa boombii raawwachufu yaaluu ishee tokkummaan mootummootaa-n mirkanaa’eera jechuun yaadachiisaniiru.

Torban dhuftus wal ga’iin gamtaa Africa finfnnee keessatti eegaluuf jira. Directrichi walii galaa akka jedhanitti haleellaan inni miilanaa kun yaalii waggaa darbeen kan wal qabate jedhan.

Minsteerri odeeffannoo Ertraa obbo Alii Abdoo Raadiyoo sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin himannaa mootummaan Itiyoopiyaa dhiyeesse fudhatama dhabsiisan. Kan haleellaan irra hin geenye tuurstoonni 18 har’a galgala Finfinnee kan seenan ta’uu mootummaan Itiyoopiyaa ibsee ture. Buufata xayyaaraatti kan argame odu gabaasaan Reuters garuu 11 qofti Finfinnee seenuu isaanii arguu isaa ibsee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG