Xurree ittiin seenan

Breaking News

Preezidaant Obaamaan Marroo Lammataaf Milkaa’an


Prezidaant Obamaan injifannoo isaanii booda uummata chikaagoo keessatti walitti qabamee tureef hasawaa dhagesisaniin daran kutachuu isaanii fi daran kaka’uumsa kan qaban ta’uu ibsan.

Akkuma baratamee siyaasaaf otoo hin taanee tarkaanfiin barbaadamu akka fudhatamuuf sagalee naaf laattan jedhan.

Kana malee hojii ofii keenyaa irratti otoo hin taane hojii keessan irratti akka fulleeffannuuf nu filattan kan jedhan prezidaant Obamaan,torbanneenii fi baatilee dhufan keessatti hogganoota paartilee lameenii dhaqqabee rakkoo biyyatti mudatan fi kan furuu dandeenyu qofa irratti walii wajjin hojjanna jedhan.

Prezidaant Obamaan Erga inifatanii booda gammachuu uummataa
Prezidaant Obamaan Erga inifatanii booda gammachuu uummataa


Marsaa lammataaf aangoo irra yeroo turan kanatti kufaatii baajata mootummaa mudate irratti akka hojjatan dilaala fi caasaa immigreeshinii biyyattii irratti jijjirama akka godhan akkasumas Amerikaan boba’aa biyya alaa seenu irratti hirkachuu akka gad xiqqeessan ibsan Obamaan. Bulchaan Masaachuseetes duraanii Mitt Romnii injifatamuu isaanii Boston keessaatti deggertoota isaaniif ibsanii turan.

Biyyatti kallattii addaan akka gaggeessuuf abdii qabdan ituun guutuu danda’ee hawwii koo guddaa ture garuu, biyyattiin hogganaa ka biraa filatte.

Kanaaf anaa fi haatii warraa koo obamaaf akkasumas biyyi keenya kadhannaa keenya keessa jiru jedhan.

gabaasa guutuu
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:52 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG