Xurree ittiin seenan

Uummati Somaliyaa Beela’e Gara Itiyoopiyaatti Baqataa Jira

  • Meleshaachew Amahaa

Magaalaan Dolo Odoo Ethiopia kibba gama bahaa naannoo somalia waliin daangessu irratti argamti. Fageenyi magaalattii kanaaf daangaa sana gidduu jiru km lama hin guutu.

Bakki uummata kuma 30 ta’u keessa qubatan kun ganda baqattootaa waan jedhameef malee magaalaa xiqqoo tokko jedhamuu ni danda’a.

Mooraa sana keessa sochii adda addaatu argama, Meleskachoon kan daawwate keessaa tokko bakka midhaan nyaataa itti hiramu ture. Abdulmohamed-n jedhama kan jedhanii fi naannoo Beledweniin dhufe kan jedhan baqataan tokko nama afaan hiikuun gargaaramanii hongee fi walitti bu’iinsatu qe’ee irraa nu godaansise jedhan.

Lagi Ganaalee gara Somaliaatti yaa’u hanqina bishaanii hin qabu guutuu dha. Lammiiwwan Somalia garuu bishaan kun itti yaa’us beelaan dha’aman. Gabaas Guutuu MP3 tuquun dhaga’aa.

XS
SM
MD
LG